Discover millions of ebooks, audiobooks, and so much more with a free trial

Only $11.99/month after trial. Cancel anytime.

Hiidhaa Seexaa II: Maa'ikalaawii Mooraa Gubbaa Mana Hidhaa fi Duudhaa GooliiI
Hiidhaa Seexaa II: Maa'ikalaawii Mooraa Gubbaa Mana Hidhaa fi Duudhaa GooliiI
Hiidhaa Seexaa II: Maa'ikalaawii Mooraa Gubbaa Mana Hidhaa fi Duudhaa GooliiI
Ebook525 pages5 hours

Hiidhaa Seexaa II: Maa'ikalaawii Mooraa Gubbaa Mana Hidhaa fi Duudhaa GooliiI

Rating: 3.5 out of 5 stars

3.5/5

()

Read preview

About this ebook

This was first published in English as "Prison of Conscience". It is now presented in Afaan Oromo with some addition and expansion. For the Oromo nation the more than a hundred years of Amaaraa Ethiopian occupation had been a hell. Killings, tortures and disappearances were common place. Their land was grabbed, their culture erased, their language suppressed, they were turned to serfs and their identity was denied, their freedom deprived. Relentless struggle was waged to reverse the situation and much had been achieved towards it. This book is about experience of a prisoner who went under the most inhuman treatment in torture rooms and isolated from the world for about ten years. And also, about empire Ethiopia that knows no human rights and even human conscience was kept under suppression. All about the empire and Darg prison are contained in two volumes of this book in brief. The said prisoner had a chance to revisit Maa'ikalaawii under EPRDF government that replaced the Darg. List of prisoners of the previous detention is also given as appendix. Read it and there are more to discover.

Kun waa'ee hidhaa Dargii jalaa kan nama hidhicha keessa gara waggaa kudhaniif hidhameen dhihate. Dubbisaan caalaatt empayericha akka hubatuuf qabatteen dabalaman jiru. Hidhamtich erga Dargiin badees ADWUI jalatt hidhamuun Maa'ikalaawii deebi'ee daawwachuuf carra argatee ture. Baruma dhaabota Oromoo irra waan ga'an gabaabaatt tuqamanii jiru. Dhuma irratt akka sutaatt tarreen hidhamtoota Oromo bara sanaa dhihaatee jira.

LanguageEnglish
PublishereBookIt.com
Release dateMay 12, 2021
ISBN9781636250113
Hiidhaa Seexaa II: Maa'ikalaawii Mooraa Gubbaa Mana Hidhaa fi Duudhaa GooliiI

Read more from Ibsaa Guutama

Related to Hiidhaa Seexaa II

Related ebooks

Politics For You

View More

Related articles

Related categories

Reviews for Hiidhaa Seexaa II

Rating: 3.6666666666666665 out of 5 stars
3.5/5

3 ratings1 review

What did you think?

Tap to rate

Review must be at least 10 words

  • Rating: 4 out of 5 stars
    4/5
    Ka'umsa gaariidhaa, namoonni hunduu haala kanaan afaan Oromoo publish gochuu qabuu

Book preview

Hiidhaa Seexaa II - Ibsaa Guutama

Fuulduree

¹

Hojiin kun yaadi adda addaa itt dabalamee ballinaan haa dhihatu malee hojiin bu’uuraa Prison of Conscence jedhamu Afaan Inglishiin kan 2003 barlabsame irratt kan lafa kaa’ame. Moor kun Qabaa lamatt hirame. Kun Qabaa lammafaadha. Hojii kana keessatti seexaa jechuun suukii bilisaa lubbuu ofii keessaa dhiibbaa alaa malee maddee hamaa fi tolaa ittiin madaallatan jechuudha. Kan Inglishiitt conscience jedhan. Hojiin kun hoomisha bulcha goolii Dargii bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamoota keessaati. Barruu goolicharratti dhi’aate miti; garuu toora seenaa keessa galchanii agarsiisuun yaalameera. Ilmaan namaa akka kosiitti ilaalamuun bakkayyuutti darbatamaa jirachuun seenaa Empaayera Itiyoophiyaa keessatti beekamaadha. Namoota gara caalaniif mirgi akkamiiyyuu kan yaadamu hinturre. Abbootiin hirree (Bulchoonni)kan barbaadan sammuu namaa keessaa dhagna yaaduu danda’u hunda haqanii akka buqqee hadhooftuu isaan kan barbaadan qofa kan yaadatu gochuudha. Uumaa namaa roobootii isa jedhamu gochuu jechuudha.

Gabbaaronni lubbuu, qabeenya humnaa fi eenyummaasaanii saamamanii yoo guddate sadarkaa meeshaa manaatti bu’anii jiraatan. Saboota jaarrota darban roorroo kanaaf saaxilaman keessaa Oromoon harka caalu miidhame. Kanneen seexaan isaanii roorroo fi dhuunfatamuu kanaaf gugguufuu dide daba namummaa ba’aa kana unachuuf adda duree yoo ta’an, kanneen seexaasaanii gurguranii qoomma’aa jiraachuu yaalanis yeroof malee hireen isaanii dhumaa adda ta’ee hin beeku.

Namoonni hidhaman gidiraa guddaa booda lubbuusaanii dhabu. Kanneen lubbuun hafan yabboon galma eegamaatti tuutaan olguuramanii akka of saxilanii fi wal saaxilan dirqisiifamaa turan. Yoo didan carraa hamaan caalu akka irra gahu muuxannoon arganiiru. Gurmeesa yabbichaan daafuun yakka hinuumne yknuumuufillee hin yaadne amananii ofiin maqaa of yakkaa bahan. Maariiny Abiyootee jedhanii ofsalpisaa turan. Lammiin achii bahee akka falfallin irra marfamee joonjeeyk hollachiisaan fi hadoochaan kan isarra hingahin hin turre. Yeroo yaadatamuu kaasee, akkasuma ta’aa jiraate. Ammas bifa gegeedarataa, keessaayyuu jarri seenaa, aadaa, afaanii fi dhugeeffannoon isaanii Habashaarraa adda tahee maal tolchaniin utuu hin ta’in, maal yaaddaniinillee seexaan isaanii qoratamaa jiraata.

Dargiin ifaan bulcha goolii labsate. Dhadannoon ‘’Qayyi Shibbir Yifafaam’’ (Goolii diimaan haa belbelamuu) jedhu gidaara manaa fi dallaa hundarratti maxxanfamaa ture. Barichi nama hedduu qorumsatti galchee sodaan hamileen isaanii cabee akka qaaniin jiraatan tolcheera. Hammenya ilmoo namaarraan geessifamu kanaaf manni hidhaa fi qorqoraa guddichaa fi wiirtuu karaa sulultaa irratti argama. Maaliif mil’attan jedhamnaa laataa jechuun karaa sanarra deemuullee kan lagatan turan. Hedduun, akka hariiroo tokkollee namoota hidhaman waliin hin qabnetti of dhiheessaa bahan. Akka waliin hin dhalanne, akka waliin hin baranne, akka waliin hin bashannane, kan haaluu yaalanis turaniiru. Jarri kun osoo Dargiin itt hin dhufin, hamleen du’anii eeggataa jiraatan. Amantummaan isaanii kan mamii hin qabne tahuu Dargiif hojiin mirkaneessuu barbaadu. Kanaaf utuu hin waamamin kan owwaatan hedduu turan. Namoonni akkasiikunniin firoota hidhamtootaa bakka argan hundatti ildiimuu fi doorsisuu hojii godhatanii turan. Fedha ofiin kaka’anii kanneen isaan mankaraarsanitt dabalamuun qaamaa fi arrabaan guraaraa turan.

Duraan amantee qabna jedhanii fakkeessaa jiraatanillee, hedduun gola waaqanbeeknee (Isapa²) kessatti galmeeffamuudhaaf wal caccabsaa bahan. Sana gochuun namummaa qofa osoo hin tahin Waaqa isaaniis gananii turan jechuudha. Safuu lammiin saanii ulfinaan tissu illee mamii jala akka galu tolchanii turan. Kanneen miseensa goolichaa (ISP) tahufillee ulaagaa guutuu dadhaban akka nama waan aatessu irra marsanii, Dargi gula/jala yaa’aa bahanis jiru. Erga Dargiin bade ani ISP hin turre jedhanii, waan tahuuf gorora isaanii coccobsaanii dhaban, akka jabduutt kan himatanis jiru. Hacuuccaa hamaanakkasii kunwaan wal irraa fagoo lama uume- juujuu fi didaa. Didaan gaaratti qajeele yookaan mana hidhaa jira. Cunnurrii cunqursaaf eegee raasaa hanga yeroon qaaniin kosiitti darbaman dhufutti darabee eeggatu turan. Hin hafnee hedduun isaanii ni hidhaman. Jarreen akkasii akkuma hidhaatti darbatamaniin miilla tokkoon ijaajjani Waaqa isaanii durii ammas gowwoomsuuf araara gaafachutti ka’an.

Haala qoraa akkana jiru jalatti, namoonni muraasi, odoo diinni ilmoo namaatti roorrisuu dura daabbachuun kanneen itt dabaman gargaaraa bahanis jiru. Hidhamaa hundaaf laalaa fi gaagaa fudhachuun waan jajjabeessaniif daawwatooti hin irraanfatamnes jiru. Barreessaan kun namoota akka Dassaaliny Alamayyehu Siyyum kan tararaa golaarra tarkaanfatee gaafachaa bahee fi waggaa kudhan galaa dhiheesseef, Taaddasaa Lamuu fi Tarrafaa Luboo yeroo firri dhiigaallee irraa qoollifatu gaaga’a isaan fudhatanii gaafataniif, Ayyalachi Tarfaa, fira qabeenyaan hiyyeettii sammuun soorettii taate, waan qabdu irraa akaayii guduunfattee kan gaafachaa turte, Addunyaa Abbaahooyi kan garagarummaan sabummaa gara laafina namummaa saatti danqara hin tahin, hunda caalaa immoo Abraham Tagany fayyaa dhabuun isaa kan isa hin komachiifne tahuu osoo beekuu akkuma tahetti okkalaa deddeebi’ee waa qabatee gaafachuu isaa waan garaa hin badne. Nammi hiriyaa waabarii Olaanaa ture kun yero barreessaan kun deebi’ee hidhame hanga gaddhisaatti biraa hin hafne. Nammi kun kan Oromiyaatti dhalatee guddateef dantaa Oromiyaaf dhaabbachuun dhiigaan akka hin dangahamne mirkaneesse. Barreessaan kun yeroo inni du’e awwaaluuf carraa dhabuusaatiinyeroo hunda gaddi itti dhagahama. Kan gaafatanii ergaan isaanii karaatti jala hafees akka jiran beekamaadha. Karaa biraatinimmoo haadholiin warraa baayyeen abbootii warraa hidhaman hin bahan se’anii akka ganan seenaan galmeesseera. Obbolaanis obbolaa gananiiru. Firoottan aanteen alagaa bira dhaabbatanii awwaala fira isaanii hidhame, farra warraaqsaa irratti halagichaaf mana ijaaruuf dhaadataa bahan hedduu turan.

Asirrattseenaa darbe kan kaafnu dabeessa fi galtuu komachuuf miti. Gootota of dabarsanii waan seexaan isaanii ajajeef dhaabbatan faarsuuf malee. Kanneen namabiraaf jedhanii danqaraa bara hamtuu sanaa keessa turanis jiru. Isaan keessaa kallattiin dubartoota haadhawarraa, obbolaa, soddaa, hojjettuu, hiriyaa, haadholii fi kkf kaasuun ni danda’ama. Hunduu maqaa isaanii kan kudhammachuuf male turan. Hunda keessaa kan garaa nama gubulammiilee cubbuudhan Dargiin sodaan ajjesee achi buutee isaanii dhabsiise yaadachuu dha. Firoottan wareegaman sun Oromoo tahuu malee yakka biraa hin qaban turan. Ajjeefamuun isaanii du'a Dargii ariifachhiise taha malee umrii hindheeressine. Garuu hamilee hedduu tuqee jira. Mararfannoon kiyya hundi jara kaayyoo fi seexaa isaaniitiif du'an kana waliinjira. Gootota saba isaanii ta’aniis barbaraan ni yadatamu. Kan utuu hin du'in hafan boqonnaa seenaa isaanii bara sana yoo yaadatan, jallewwan kufanii fi firoota isaanii kana ofirraa gargar baasanii ilaaluun hindandahamuuf. Firoottanis akkuma jaallan aarsaa ta’anii qaama seenaa isaanii ta’anii hafu jechuudha.

Cunqurfamni dhaalamaa dhufe kun yeroo dheeraa dura xumuramuutu irra ture. Isaan dura hedduutu gidiraa arge. Dur bara imaltuun miila duwwaan ture, dubartoonni hedduun osoo galaa gara biyya Habashaatti deddeebisanuu achumaan akka afurri saanii baduutu himama. Inni ammaa kun garuu dhuma kumalee lammaffayeroo, qaroominni ilma namaa yoom iyyuu caalaa ol ka’e keessatti ta’e. Bineensonninamanyaatan akkasii gola addunyaa kana keessatt hafuun irra hin turre; hafuus hin qabani.

Moo’a cunqursaatiif obsi amma waan raawateef malli moofaan darbatamee haaraa cimsuun jalqabuu qaba. Sana malee bu’aan hacuuccaa isaa mancaasaa ta’uu danda’a. Garuu kun kufaatii Dargii duuballee tahuu hin jijjiiramne. Humni isatti aanee dhufe waan halletti gaggabuu fi gantummaan isaa sanaa gadi miti; caalaattiyyuu abshaalaa fi luffee dha. Sirni humna hamaatti dhimma bahu dhiicha (march) yeroo irraa hin hafu. Kan biraa cunqursun fokkuu qofa osoo hin ta’in cunqursichaaf idaan isaas guddaa ta’a. Kanaafhangi cunqursitoonni aangoorra turan qabeenya hojiirra oolchaniin firoomsaadha. Qabeenyi empaayerittii kan dhuma hin qabne miti Itt guuti alaas hanga bu’aa argamuu fi itt guuti walmadaaluttii.

Kan gargaarsa namaa kennu hanga nammi sun dantaa saa egsiseefitti malee jaalala addaa qabaateef miti. Shororkaa jala jiraachuun hanga obsamuu ol taanaan eekkamsa maddisiisaa. Eekkamsi sun bu’aa inni ija itti babaasu golgoleessee akka cunqursaa lafaan dhahu mamiin hin jiru. Qabsoon cunqurfamaa dhawaataa dha. Suuta diina waxalee cincessa malee injifannoon bultii tokkoon hin argamu. Dhaloota hedduu gaafachuu danda’a.Falli saa hanga fiixaan baasanitti itti cichuu malee kutanii baqachuu miti. Moo’atamaa jala turuu dhagna godhachuun, cabsanii bahuu irra isuma keessa oo’ifatanii ta’uu irra of eeguu dha.

Firoonni hidhamtootaa miseensota hawaasaa cunqurfamaniiti. Sanatti dabalamee roorroo dhokataan jara firoottan jalaa hindhaman irra gahu guraarama hidhamtootaa irra gahe caalaa hamaa ture. Warraaqtota kanjedhaman gidiraa walirraa hin cinne keessa darban. Daa’immi isaanii fira hidhamtootaa ta’uu duwwaan yakka hin beekneef kurkurfamaa bahan. Yoo san firoottan sun hamilee firoota jaallatanii eeguuf kan qaban hunda wareegan. Birra’chiisaa fi abdii sobaan mankaraarfamanii turan. Kan isaanii mankaraarfama sammuu fi qaamaa dhokataa, roorroo ulfina ilmoo nama tuqu garri caalaan saa osoo hin hubatamin darbe ture. Baraaramuun isaanii waan raajiiti. Firoottan gootota kanaa, kan abdiin isaanii garri tokko deebi’ee hin dhufneef gadda koo ifsuufiif qooqatu ana hanqata. Du'i eenyuufuu hinoolu. Akka gootawwan kanaa utuu roorroo jalatti hinkufin, osoo kaayyoo irraa hin mittiqin, walabummaa fi qajeeltuuf du'uun gocha boonsaa hinaafsisaa ta’uusaa ergasii hubannee jirra. Hata’u malee kanneen isaan jaallatanii fi dhaban akka hubu beekamaadha.

Sirna walfakaataa jalatti haadholii, abboolii, haadhotii warraa, obbolaa, abbootii warraa fi firoottan Habashootaa hedduutu kan jaallatan dhaban ture. Hedduun isaanii kanneen jireenyi mana hidhaa akka cinqii fi goommi itti hin baayyane yaalaa turan. Dargaggoo Habashaa ofiif hin jenne, hundaan fira tahan nammi bara san hidhaa ture irraanfachuu hin dandahu. Hedduun isaanii ijoollee waan turaniif yoo balleessaa qabaatanillee adabamuu malee gidiraa sana hunda arguun kan irra hin jirre turan. Mamii malee hunduu gaaga’amtoota duudhaa bulcha abbaa irre fafaa seexaan isaanii fudhachuu dideeti.

Habashoonnis kan Habashaa hintaanees daba gidiraa wiirtuu tokko irraan gahameen gaaga’amaa bahan. Sababni jibba isaanii waan adda addaaf haa ta’u malee akka jaalala irraa hin qabne hunduu irratti waliigalu. Garaagarummaan kaasaa, hobbaatii dhumaa garagara hintolchine. Hunduu hammeenya namoomaa bahatu irratti raawwatame. Gaddi ani ibsuu barbaadu kan ani lammiiwwan kootiif ibsee gad hin tahu. Hunduu gaaga’amtootaa dabaa fi gidiraa roorroo hagana hin jedhamne, kan nammi seexanaaf illee hin hawwinetu irra gahe. Garuu namoonni mataa nagaa, martii maraatummaa kana cabsuuf waliin waanti gochuu danda’an jiraa laata? Yoo deebin keessan tolaa ta’e hundi keenya dhugaa soquutti haa kaanu; yoo xaxaa hooda durii keessaa ofi hinbaasne dubbiin cimaa deemuun kan hinoolle ta’a. Sanaan hallayyaan nu gidduus ballataa fi qiliilaa deema.

Kutannoon dhugaa yoo simanne, xurree jireenya egeree mishaa tolchuu nidandeenya. Kukkii dhukkuba sirnaa malbulchaa ilmoo namaa qabatee bara baraan biraa hafuu dide kanaaf qoricha barbaaduurra oftultummaa fi sabboonummaa hammaa bahan, ija keenya golganii karaarraa akka nu hin hindabsine haa ifaajjaannu. Abbaltiin moor kanaas kana irraa adda ta’ee fudhatamuu hin qabu. Aggaamsisaa dhugaa baasuuf hoodaa fi mirkanii gargar secca’ee hundaaf mikkillee waloo uumuufi. Yoo kara karaa keenya deemuu barbaadnellee nagaan filmaata waan hin qabneef, nagaan walirraa haa goodannu. Hundi keenya daba balleessuu irratti haa xiyyeeffannu; yoo fiixaan baane kan hawwinu hundi ofiin itti fufa; yoo ifaajjeen keenya waloo itti fufe, kanneen dhugaa fi qajeeltuu faana bu’an injifannoon xumurachuun akka hinoolle beekamaadha. Ummata keenya irraa amantii qabaachuun, osoo addagootii amma jaalala biyyaaf imimmaan sobaa roobsan deebi’anii nutti ol hin bahin, ofii akka murteeffatu carraa haa kenninuuf. Hunda dura ollaa nagaa qabu uumuun haa dursu. Oromoon kan ofii malee kan ollaa hin barbaadu. Ollaanis kanof kabajee ollaas kabaju yoo ta’e lolli hin jiru.

Gargaarsa jarreen kutatoo keessayyuu dubartootaan malee, qaama nagaan holqa sana keessaa bahuun waan hin yaadamne ture. Addatti warra tokko qofa osoo hin ta’in, hamaa irraa akka oollu kan godhan hunda saanii turani. Galata kiyya guddaan, dubartoota muraasa garuu kutatoof goota ta’an naaf haa dhaqabu. Dhiirota lakkoofsaan muraasa, fitteessa sana hunda keessa darbanii, yero rakkina keenyaa kan nu dhaqqabaniifis galanni kiyya naaf haa gahu. Loltoota Dargii qaawwaa argataniin hidhamaa gargaaruu yaalan hundaa kabajaaniin yaadadha. Akkasumas dhugeefannoo, sanyii fi lammiin adda ta’un utuu isaan hin danqin abba tokkee nu gargaran hin irraanfannu. Dhaabota Mirga Ilmaan Namaa Addunya kan nu yaadataa fi yaadachiisaa turan akka Aministii Intarnaashinaal (Amnesty International) ni dinqisiifanna. Hundaanu, galatoomaan jedha. Oromoon ala jiraatan asxaa qabsoo keenyaa ol kaasanii rakkina keenya addunyaatti mul’isuu isaanii kan dinqisiifamuu qabu. Abbayya xinnaannaan harreen itti fincoofte akka jedhamu, kan Dargii hanqannaan jireenyattii dhuma sana iyyuu caalaa hammeessuu kan yaalan hunda barumsa naaf kennaniif galatomaan jedhaan. Miira ilmoo namaa hedduun irra baradhe. Utuu hin abbalin miilarra kaniin ejjedhe yoo jiraatan dhiifaman jedha.

Jaallewwan tokko tokko waa’ee maqaa fi mirkanii tokko tokkorratti qaabannoo kiyya naa haaromsanii turan; yoon dhimma itti hin baane ta’e dhifama. Qaama hafeen bahuu fi sammuu nagaan jiraachuun gargaarsaa fi obsa keessan garaa qulqulluuf osoo hin tanee hin yaadamuuyyu. Jaal Isheetuu Ulatuu oguma artii qabuun gadda kolfatt nuuf jijjiiraa tureef yoomiyyuu hin irraanfanu. Ekeraan saa qabbanahaa ciiftu. Akkuma barsiifata keenyaa, baraaramaaf altokkoo pish-sh-sh walfaana haa jennu! Baraaramni yoo nagaa fi bilisummaan argame qofti gatii hinbaasu. Ammas, kan baanee itti dhufne nu rifachiisullee, didhaan bahachuu qabnu kan durii caalaa nu fuldura belbelaa jira. Ollaaf birmachuu dura kan keenya irraa haa dhamsinu; Dura kan ofii haa taanu.

Jaartusheen tiyya Fallaqach, obbolaan keenya fi soddooliin keenya anaaf calaqqee namoota gootota gubbaatti kaaseeti. Jaartiin tiyya ijoollee keenya, Wubee, Yoofete, Bijigduu, Caaltee, Bilisee fi Jiijoo kophaa akka haadha hiyyeessaatti guddiste; ijoolleen keenyas ana malee guddatan. Gochi lachuu jabina akka barbaadu beeka. Hunda irraa hafanii, ulfina warraa akka jirutti eeguu isaaniitiif ashamaan jedhaan. Haala hamaa jalaa baqannee dhufnee akka namoota New Yorkitti jeeqama fokkisaa Fulbana 11tti kan xaxaansaa danuu hin yaadne nutti fidaa jirutti bane; inni maqaa dur hin jedhamne nu faana buuse isa kana jalaas ni baana. Kanneen yeroo isaanii fudhatanii jalqabee barruu kanaa dubbisuun yaada naa kennan nan galateeffadha. Gargaarsi hiriyaa kiyya Addisuu Bayyana kana irrattis akka nabiraa hin hafne himuun fedha. Hundi naa galateeffadhaa. Quxusuu quxusuu kootii master Ashannaafii hin irraanfanne. Abbaa Ijoollee ta’ullee yeroo boqonnaa isaa na ilaaluu irraa of qusatee hin beeku. Isaaf malee du’a haadha kootii dhagahee hirmii tufullee hin danda’un ture. Dhumarratti firoota, hiriyyootaa fi jaallewwan moor kana qopheessuurratti na jajjabeessitan fi karaa addaaddaa na deggertan jirtu. Galatoomaa!

Mirga ilmoo namaa fi ummattootaa dhugoomsuuf haa tattaafannu!

Ibsaa Guutama

Dura Buusa

Mootonni addunyaa hedduun seeraan buluu fi mirga ummata bulchanii ulfessuu kan fudhatan jeeqama jaarrolee booda ture. Sunis dabaa fi roorroon ture sadarkaa eenyuu danda’ee hin baatne irra yeroo gahetti ture. Kan bulchuuf haa ta’u, isa bulfamuuf nagaan oolanii buluun waakkii ta’aa dhufe. Kanaaf sirni hariiroo addunyaa geedaramuu barbaachise. Seerri mirgi walqixxummaa ilmoo namaa fudhatamuu wayyaawuu kan eegale, Labsa Mirga Ilmoo Nama Bakkahallee³ Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Mudde 10, 1948 labsameeni. Amma labsiin sun akka hangammessa qaroomaa, nambiyyoota hunda tajaajilutti fudhatama. Mirga ilmoo namaa baruun dura seeraan bulmanni jiraachuu gaafata. Kana malee jireenyi nambiyyootaa (citizens) akka fedha bulchootaatti kan gaggeeffamu ta’a.

Abisiiniyaan Itiyoophiyaan labsa kana mallatteessitee turte. Haa ta’u malee qabsoo sochii sana hojii irra oolchuu ammayyuu itti fufee jira. Heerri moototii dhiheenya walitti aananii dhufanii, mootiin moototaa ykn fiwudalootaa, Dargii fi Wayyaanee tumaa mirgoota ilmoo namaa tarree dheeraa qabuu turan. Garuu erbaala (paper) irraa waan hin buuneef abbootii isaaniitiin adda isaan tolchuu hin dandeenye. Seerota sana namoota yartuu, waajjiratti dhihoo qofatu arguullee danda’e. Korri Dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UN) miseensota hundaaf akka faca’uu, mul’ifamu, dubbifamu, bal’inaan caalaatti, waabaroota (school) fi dhaaboota barumsaa birootti garaagarummaa sadarkaa sirna malbulchaa yk biyyoota yk qabiyyoota malee akka ibsamu (fl.3) waamicha haa godhu malee bulchoota Itiyoophiyaaf gurra duudaarratti dhangala’e.

Biyyootaa bulcha seeraa fudhatan keessatti yoo poolisiin nama tokko qabe, kan inni isa qabetti dursee himu, akka callisuuf mirga qabu, dubbachuu feenaan waanti inni jedhu akka ragaatti fudhatamuu danda’uu isaati. Kana jechuun poolisiin kan qabe qaama isaa malee seexaa saa ykn bilisummaa of ibsuu ukkaamsuuf miti; dursee ati yakkamaadha jechuus hin danda’u. Itiyoophiyaa keessatti yoo qabamtes hin qabamnes yeroo waa jechuunis ta’ee jechuu baachuun gaaga’a hin dhabnetu baayyata. Biyyichi biyya qooqni afaanii bahu hundi coraa qaba jedhamee fudhatamu. Kan qabame dursee akka yakkamaatti waan fudhatamuuf adabbiin isaa yeroosuma eegala. Wanti seexaa ofii keessa jiru ajjeechaatti ykn hidhaa jireenyatti akeekkachisa malee nama erguu danda’a. Kanaaf jireenya guyyuu keessattillee miirrii ofii hanga gaalchaan hin baramnetti dhokfamuu qaba. Qorumsa beekumsaafillee iyya’aa dhugaa argachuun yaaloo hin tahu. Dudhaa Habashaa kanaaf haaraa kan tahan, kanneen akka Oromoo hedduu rakkatanii.

Kan olitti ka’erraa ormi Habashaa yeroo firoomsan mootummoota dhiyoo uumaman waliinillee walbira qabamu, hacuuccaa gita hinqabne dandahee jiraate. Jarri kaanis sirna bulchaa badaa qabu turan. Garuu itti cichanii qabsaawuun haala diinagdee isaanii geeddaruun sirna bulchaa fi hawaasummaa kan amma jiruun gahatan. Akka orma Habashaa kan walitti fufee motummaa hamaa hamaa caalu, roorrisaa gara laafina hin qabne callisee ofirratti dhiise addunyaa kessaa maqaa dhahun ni rakkisa.

Gara caalu kan walitti hammachiisu maddi qabeenyaa yaraa ta’uu dha. Hamma lafa gubbaa jiruu fi ijaan mul’atu hunda golgoleessanii jiru. Lafa jala lixanii waa baafachuu haata’u akka teeknoloojii itti guddifatan qorachuuf daagummaatu jira. Kanaaf waan halle qotee bulaarratti dhiisan. Innimmoo akkaataa qotiisaa fooyeessuuf yeroo hinqabu. Ishiidhuma inni dhama’ee fidu walsaamuuf garaa walitti jabaatu.

Duula kibbaaf kan isaan kakaases hanqina uumsatummaan dhaabeenya dhufeeni. Mootonni kan amma jiraniin dura turan biyya isaaniif hubannoo gahaa hin kennan ture. Kan isaan irratti xiyyeeffatan qananii gurguddoo isaanii ol kaasuu ture. Kanaaf akka biyya isaanii itti miseensan osoo hin ta’in akka qabeenya kolonootaa kan ofii tolfatanirratt wal caccabsaa turan. Hanqina kanarraa aanuuf hanga amantee ofirratti qabaatanitti bobbaan isaanii kolonoota qorqanii hiyyoomsuu qofa ture. Bakki isaan gahan qullaatti hafa. Bosonnii fi albuunni isaan hin hafu.Qabeeny uumamaa eegumsa tolchuun dhimma isaanii miti. Erga dhufanii kan golgoleessan malee kan itti dabalan waanti himamu hin jiru.

Kan biyyatti hafan akkuma durii balaa uumaan adabamaa jiru. Balaan akkasii hanga yoonaa biraa hafuu baatuyyuu ummatichi obsaan akkuma bara durii keessa jiraachuu ittuma fufaa jira. Ofii itti yaadanii haala naannoo isaanii geeddaruu mannaa jireenyi gubbaadhaa ajajame jedhanii kan itti himan fudhatee akka waliin jiratu dirqisiisu. Sammuu ummata bal’aa keessatti hooda uumuun, akka isaan fokkuu isaan darban hundan boonan tolchuu barbadu. Amma kolonootis waan giti bulchitu isaanii tolchiteen balaa uumaaf saaxilamanii jiru. Kan dur beela hin beekne amma kadhatanii nyaachuu eegalaniiru. Dubbiin isaa akka ijoollee haati jalaa duutee kan haadha qabduun, qixxoo qixxoo! yoo jennu, walqixxaanna! jedhaa nu jalaa qabaa jedhanii jeekkarsiisaniitii.

Duudhaa aangoo gadhiisuu diddaa bulchoota Habashaa fi sanaaf sarma orma Habashaa kana, sammuu ummattoota kolonoota saanii keessa dhaabuu yaalaniiru. Sana tolchuuf ummaticha gandotatti qoqqodaan. jirenya, diinagdee, hawasummaa fi mala sirna bulcha isaanii osoo sochiin isaanii hinhafin karaa halleen, too’annaa jala oolchan. Sanaan firoota qoqqooduun gandoota irra facaasuun akka wal quunnamuu hin dandeenyellee tolchan. Sagalee isaanii addunyaa bal’ootti hafee ganda isaanii cehanii dhageessisuu akka hin dandandeenye tolchan. Isaan keessaan malee ormi kolonii Habashaa kun dhagahamuu hin dandahu ture. Waan tolchu hundaaf hayyama isaanii barbaada. Kun bulee bulee isaan malee jiraachuu hin danda’u jedhee hanga amanuun isa gahe. Isaan irratti malee ofirratt hirkataa akka hin taane gochuu yaalan.

Kanaaf ofitti hirkatanii bilisummaa isaaniif lolachuu bubbulanii mamuutti kan ka’an kan itti yaadanii fincilan keessaallee mul’ataa turanii. Sammuun bilisoome jedhamu yero bakkuma ka’etti deebi’uuf harkifamu arguun xurii garbummaa dhiqanii baasuun hagam rakkisaa akka ta’e agarsiisa. Yoo ofirraa dhiqanii baasan wan itti dhaamotu kanneen itti fakkaatus hedduu dha.

Sana fa’i kan Itiyoophiyaa hidhaa guddicha seexaa kan taasise. Kanaaf garaagarummaan ormii kolonii bilisummaaf qabuu fi ormi Habashaa qabu, hamma itti baranitti bayyee isaan hube. Garuu orma kolonii deebi’ee finciluuf wagoota kumaatamaan lakkaawaman itti hinfudhanne. Kanaafis hacuuccaan kolonoota irraa diriirfame isa dur duudhaan biyya isaaniitti beekamu caalaa hammaataa dhufe. Namootii waan jedhan qofaaf osoo hin ta’in waan hin jenneefis qucamuutti ka’an. Impaayerittiin biyya seexaanillee hidhaamtu waan taateef dhaananii boossee beekkadhu jechuun itt hammaachaa deeme.

Dargiin, kan komunisti ofiin jedhu 1974 keessa bulcha waggaa shantamaa Ras Tafarii fi abbaa gonfoo jaarrolee hedduu aangorraa buuse. Garuu akkuma angafoota isaa innis mirgoota ilmaan nama isaan bu’uuraa ukkaamsuu irraa of hin qusanne. Kana akka gargaaruuf mana hidhaa dhoksaa fi ifaa hedduu qaba ture. Kan ittiin mormu achitti itti cufamee taa’a ykn ajjeechaaf qopheeffama. Manni hidhootaa meeshaa ukkaamsaa hundaa olii ta’anii tajaajilu. Dargiin hanga darbatamee bahutti empaayeritti dorsisaa fi adaba namummaa baha kan amanuun nama rakkisun bulche. Mirgoonni akka bilisummaan of ibsaa ykn walabummaa yaadaa, empaayerichaaf akkuma hiyyeeyyii Abisiiniyaa irratti baramanii waan hoodaa ta’anii hafan.

Kanaan biyyaattiin guutummaatti mana hidhaa guddaa bakka doorsisa, kurkursaa akka malee fi adaba seeraan alaa turte; ammas sanumaan jirti. Manooti hidhaa qoqqobbii itti daawwatamani fi qaamaanis ilaalamani. Kanaaf empaayerittiin yeroo hundaa walitti bu’aa kanneen waliin dorgomaniin akka rifattetti jiraatti. Kan deggersa ummataa barbaadu hunduu gungummii komee isaa irratt of hundeessa. Yoomuu kan angoo irra jiru finqilchuu malee nagaan aangoo walitti dabarsuun hin baramnetti. Kanaaf hunduu isa dullacha ari’ee kan ofii haaraa ijaarrata. Bulchi Habashaa itt fufiinsa kanaaf dhaba. Ormi akkuma durii isaa Waaqatu erge jedhee kan dhufe garaa duuba simata. Sodaa irraan kan ka’e hammi haaraa dhufu hundi tuqamaa kan waan halletti hirree kaasu ta’a. Qunnamtiin isaa yeroo hariiroo warra Habashaa hintaane kan akka Oromoo, Sidaamaa, Somaleeti fi kkf. dhufu caalaa rifachiisaa fi haamaa ta’a. Ammas fandalalooti kun erga bulchatti baranii mokaanintii haaraa ta’anii booda finqilchamanii tuuta ilkaan haaraa qaratee maal nyaadhu jedhuun bakka bu’u.

Amala waliigalaatti sirna mootummaa jijjiirun, Dargii mootummoota duran turaniin adda isa hin gooneen jechuudha. Yeroo gaaffii aangootti dhufu, fira haa ta’uu hiriyaan irraa hafu hin jiru ture. Yoo isa dhugaa dhabes Dargiin yeroo hundaa diinota se’atu qaba. Kanaaf, mormituu saa balleessuu fi ykn ukkaamsuufi kan mana hidhaa addaa ijaare. Manoota hidhaa keessaa tokko kan tahe Mooraan Gubbaa, Maa’ikalaawii xiyyeefata hojii kanati.

Karaan Sululta deemu, fochoo guguddaa magaalaa keessaa tokko. Hayilasllaaseen muuda ilmasaatiin Masfiin Harar jedhee moggaasee ture; garu Dargiin geeddaree Balay Zallaqaa jedhee moggaase. Balaay kanneen bara Xaaliyaanii. lola ittisaa faashistii irratt tolchan keessaa beekamaa tokko. Hayilasillaasen kan dirree lolaa baqatee biyya alaatti cehe sun, motummaa Biritaniyaa irraa gargaarsa argatee deebi’ee ummatoota irra tuulame. Erga Fashistiin Xaaliyaanii humnoota walii tumsaniin moo’amtee booda Hayilasillaasen baqaa deebi’ee qaanii malee Balaay Zallaqaa amba gidduutti rarraasee ajjeese. Fochoo Balaay Zallaqaa jedhamee kana irra galma magaalaa Finfinneetii ol, gara kaabaatti akka kiloomeetira tokkorraa dallaa manarroota gaggabaaboon keessa jirantu argama. Innis dhaabii dooyyaa hammeenyaan beekamaa fi poolisiiti. Akkuma siidaa namicha farda irra ta’uu galma magaalaa bira jiruu ijaarsonni kunis koloneeffata biraan handhuura Oromiyaa keessatti ijaaraman.

Dhaabota ijaarsotaa kanneen keessaa tokko kan Maa’ikalaawii Mirmaraa Dirijjiit (Dhaaba Wiirtuu Qorqoraa) jedhamu. Waajjiroota bulchaa malee ijaarsi kun holqoota seexaa hidhaan, dallaa lama, Mooraa Gubbaa fi Mooraa Dakaa jedhaman qaba. Isa ifatti nambiyyoota fi kan birootti tolchu caalaa, achitti goolii fi dhiheenya irraa daawwachuun dhoksaatt waan raawwatu qaba. Hojiin kun caalaatti waa’ee keessa Mooraa Gubbaa, Maa’ikalaawii akka muxannoo namicha Dargii jalatti hidhamaa seexaa ture tokkootti dhihaate. Gochi gara jabinaa Dargii kun waan dhaalaan argame fakkaatus raawwateera.

Werarrii fi ajjeechaan Tewodroosiin jarraa kudha sagalaffaa keessa Oromiyaarratti bal’inaan jalqabame jaarrama sana keessa Minilikiin koloneeffamuun raawwate. Ergasii, barrii Oromoon utuu hin kurkurfaminii fi mirgi isaanii hin dhiitamin darbe hin jiru. Haala kanatti ilmaan Habashaa dhagni isaanii itti baree, hagam tarkaanfataa ta’anillee, hamaan raawwatan akka hin jirretti ilaalu. Kun kan tahe, haalli isaan itti dhalatan kan rakkinni nama biraa isaaniif jireenya ta’e keessatti waan ta’eef. Waan jireenya isaanii qotee bulaatu dhiheessaaf ture. Qotee bulichii fi ijoolleen isaa huccuu bututtuu uffatu. Miilla isaaniif kophee hin qaban. Garaan isaanii qooqee kan dugdatti gale, lafeen cinaacha gaagura hin xaaxamne kan fakkaatu ture.

Warri of tuultotaa qulqulluu uffatu. Kophee kawwatu. Garaan isaanii fi dugdi walirraa fageenyi qaban kan lafatti dhalatanii hin fakkaatu. Afaan Amaaraa dubbatu. Qotee bulicha olaantummaan gadi ilaalu; ni tuffatuun. Kun hundi maaliif tahe jechuuf kunuunsi warraa fi gabbarri haawaasaan godhamef akka of gaafatan hin gargaarre. Maaliif abbooliin isaanii kan midhaan, foon, damma fi kkf. nyaatan homishuuf yeroo dafqa xuruursan kan hinagarre? Attamitti daa’imman namicha isaan sooruu caalaa, isaan gabbatoo tahan? Maaliif afaaniin isaanirraa adda tahe? Isaan lafa qabaatanii qotee bulaan attamitti dhabe? Utuu garalaafina qabu tahe ilaalchi isaanii kan amma qaban irraa adda ta’a ture.

Erga hiree orma kanaa too’annoo isaanii jala galfatanii, hammeenyi isaan irratti raawwatanii fi hamaan hojjetaa jiran herreega hin qabu. Sun hundi seexaa gurguddoota Habashaa kan quuqee beeku hin fakkaatu. Kanaaf yoo namni hubameisaaf komee dhiheesse jarjaraan akka hojii hamtuutti fudhatu. Dhaala abbootiin isaanii dhalootatti dabarsaniifakka waan balleessuurratti xiyyeeffateetti balaaleffatuuni. Gaaffii walqixxummaa fi bilisummaan kamiyyuu yoo dhihaate walii tumsanii, irrabuusa danda’an hundaan arrabsuu fi humnaan ukkaamsuu yaalu. Gaaffiin akkasii hawasa isaanii biratti waan hin beekamne kan ta’eef, balaa inni of duukaa fidee dhufuu danda’u sodaachurraayi madda.

Akka kanneen kaleessaa osoo hin ta’in Habashoonni har’aa Oromoo akka saba addaa tahetti dubbachuu hin barbaadan; garuu akka walqixxeetti immoo hin fudhatan. Rimsammiin isaanii kan hundaa’e gartokkoon seenaa ofii eeggachuurraa yoo ta’u, garabiraan immoo humnaa fi qabeenya Oromoo malee akka duroomaa fi nagaan jiraatan itti hin mul’atu waan ta’eefi. Akka ilaalcha isaanitti wanti badaan yoo Oromoo akka caasaa Itoophiyaakeessatti gosa ykn lammii tokkoo ta’etti mul’isuu yaalani. Kanneen warraaqxota ofiin jedhaa turan amantee isaanii keessatti fedhi gitaa kan gosummaa ykn sabummaa akka dursutti himu. Cunqurfamaan hundi saba cunqursaa keessaa hata’uu kan cunqurfaman irraa amajaajii tokkicha qabu; fudalismii fi imperiyaalismii jedhu turani.

Barreessaa kanaaf lammummaan (ethnicity) saba tokko qofa ilaalu ykn tokko tokkoon lammiilee maddi isaanii adda ta’ullee waliin seenaa keessatti saba tokko uummatan ta’uu danda’a. Jarri akkasii afaanii fi aadaa addaa qabaachuu danda’u. Kanaaf saba akka Oromootiin gosa jechuun sirrii fi akkaa miti. Oromoon Habashaaf saba malee gosa miti. Oromoon goosoota gurguddaa hedduu of keessaa qaba. Isaaf gosonni caasaa bulchaati. Garuu lammii tokkodha saba tokkos. Kanaaf qaama gosa hedduu walitti guduunfuun gosa jechuun waldhaalina ykn empayera Itiyoophiyaa keessa saba tokko qofatu jira jedhanii fudhachuu ta’a. lammiin ykn afaan farnjiitiin kan "ehnic group" jedhamu, murna seenaa waloo, afaan, fi aadaa addaatti qabani. Akkasitti yoo dhimma itti bahame malee hariiroon alaa manaa walborcee dheertuu sirna malbulchaaf tolfamurratti sabni of dandanda’e tokko akka waan lata Habashaa ta’etti fudhatamuu danda’a. Ormi biyyaa kibbaa hundi fedhiisaan Habashaa kan gabbare hin jiru. Hunduu koloneeffamanii hanga har’aa waraanaan qabamanii jiraatu. Kanaaf, isaan saba ykn sabaawota waan ta’aniif akka gossooliitti mul’ata Itiyoophiyaa keessatti dha’amuu hin qaban. Oromoon walabummaa yoo gaafatan sabummaa saanii malee afaan saanii dhahatanii mitii. Federeeshinni amma jirus federeeshina sabootaa malee kan gosaa yk lammi miti.

Qooqi lammii jedhu yeroo waa’een murna lammiiwwan Gaanfaa Afrikaa ykn adduunyaa ka’u dhimma itt bahuun ni dandahama. Oromiyaan hurraa Abisiiniyaa irraa buute osoo hin taane biyya mirga ofiitiin jirachuu dandeessu. Oromiyaan akkuma England, Firaansi, Raashiyaa fi kkf lammoota addaaddaa qabaachuu ni danda’a. Oromoon garuu lammii tokko; saba tokkosi. Kana malees qabattee tokko bakka isaa malee kaasuun furmaata caalaa rakkina uumuu mala. Kanneen dhugaa kana dogoggorsuu fedhan gaaffii dhi’aate furuu irra xiqqeessanii fi dhiphisanii kan bira darbuu danda’an itti fakkaata.

Kanneen Oromoon gara diida (se’atamaa) tokkoo waan dhufeef, bakka amma jiraatu jiraachuuf mirga hin qabu jedhan jiru. Kun cabaaluqqa’aa mataa fi miila hinqabne; kanneen abdii kutatan ofitti gunguman. Si’ana kan dubbatamuu qabu eenyutti maaltu hirdhatee nagaa isaa dhorguu mala? Eenyu eessaa dhufe kan jedhu eenyunuu gaaffi ka’uu malu hin turre. Yoo jette jettee akkasiitii gurra ni kenna ta’e namni ni salphata. Asii fi achi faana dhahuun ilmoo namaa baqul (glob) gara hundaa bakka madda namummaa ta’e Afrikaatti deebisee galchuu danda’a.

Yoo Seenaa dhiheenyaatu dubbatama ta’e hedduun xaxatee Afrikaa gara Eshiyaa keessayyuu Arabiyaatti godaanuun dirqama. Oromoon garuu Afrikaa alatti bakka itti dhahamu hin qabu. Firoonniisaa kuunnoo Garba Meediteraaniyaanii hanga Manyaa Hindiitti jiru. Luusiidhaan Dinqinash jechuun bara akaakileen isaanii Galaana Diimaa itti cehan kan galmeeffame irraa achi fageessuu hin danda’u. Bumraangi (murxuxxee yoo darbata rukutee namaatti deebi’u) darbatanii karaa hamtuu irraa maquu hin dandeenyetti of dhiheessuu mannaa qabattee waa’ee demookraasii fi mirga ilmoo namaa jirurratti cichanii furmata barbaaduufiitu caalaa.

Moor (kitaabi) kun hariiroo Oromoo fi Habashaa akka mootonniisaanii fi barreessitoonni isaanii dhihessanitti dhiheessa. Oromoof Itiyoophiyaan hacuuccaa, badiisa, garbummaa, guraarama, hidhaa fi ajjechaan gargar ta’ee itti hin mul’atu. Isa keessatti waamamuun gaggaarii Oromoon qabu hunda balleessee; waan dhahachuuf hin tolleen bakka buuse. Gurguddoon Habashaa, waan Oromootti dhagahamu hubatanii qayyabachuurra goji’anii ukkaamsuu filatu. Moor kun qayyabannoo mishaa akka argataniif, akka Oromoon seenaa isaa itti koyinuu baranii, hariiroo isaanii keessa deebi’anii qorachuu akka danda’an carraa biraa dabalee kennaaf. Wacabbaraa fi hololli jibbaa hagamiiyyuu, yaa’a seenaa isa dhugaa jallisuu hindanda’u. Kanaaf hunduu utuu keessa deebi’ee yaaduu fi egeree wayyaa yayyabuutti ka’ee hundaafuu bu’a qabeessa ta’a.

Hacuuccaan jibbaa fi shororkaa qofa hora. Jibbaa fi shororkaan diina nagaa fi misaati; isaan malee baraaramuun sanyii gaaffii jala akka galu beekamaa dha. Yoo marsaan jibbaa fi shororkaa kun canbuu baatee fi humnoonni godina nagaa fi tasgabbii fiduuf gamtaawuu baatan, hunduu kadhattuu, kan yeroo hundaa nama irratti hirkatanii fi leelloo adamsituu ta’anii hafu. Akkasitti duudhaan kadhaa itti fufee of irratti hirkannoon irraanfatamaa jira. Kana cabsuuf Ormoonnidammaqanii tarkaanfii jarjarsaa fudhachuun godina isaanii of danda’aa godhan malee akka badiisaa bara baraan deemaa jiran baruu qabu. Erga bara dhuma bulcha Hayilasillaaseetii kaasee hanga har’atti maqaa kanneen jeejeen (xanneen) dha’etiin kadhaa bal’aatu gaggeeffame. Madda galii waan ta’eef kan ta’etti gammadaa yoo hin taane kan taasisan fakkaata.

Baalchaan hawaasa sabgidduurraa kan argame harki caalu kiisii abbatokkee dorrobsuu fi meeshaa hacuuccaa, waraanaa, dooyyaa fi poolisii sooruuf oola. Haala jeejeen(xanneen) keessaa mul’atu addunyaatti agarsiisuu dandeenyaan akka ayyan qabeessatti of ilaalu. Amba fulduratti gaddaa fakkaatan iyyuu keessi isaanii yeroo horiin gargaarsaa kumakumaan subbasaanitti(korojoo) yaa’u yaadaan laaluun ni qummaadu. Gargaarsa karaa irraa maqsanii waan biraaf oolchuun kan yayyabame Dargiin ta’uuyyuu inni isatti aanu muxannoo fincilaarratti horate itti dabaluun caalaattitottolchee itti tajaajilama jedhama. Maqaa saatiin kadhatamullee Oromoon sana keessaa bu’aa hin argatu.

Gargaarsa dhuunfatti dhimma itti bahamu kanaa cinaan idaan hawaasni kuusaa waloo irraa waliin baasu, kan nambiyyoota(lammii) irraa bifa addaaddaa, akka gibiraa, waamicha biyya haadhaa fi kkf. jedhamee funaanamuun kaffalamus jira. Duubeen kun baayyee hammaa bahaa waan taheef dhalootarraa dhalootattigangalataa deema. Kadhattuu ta’uun ulfinni isaanii ni faalama, ida’amaa ta’uu isaaniif immoo qabeenyi ni xuruurfama. Wanti leeqeeffatame garri caalu isa gabbaruuf dhimma hin baasne. Miidhaarratti arrabsoo dabaluun, dhalli waan maqaa isaatiin liqeeffatamee isaa dhimma hinbaafne kun, isa liqeeffatan caalaa itti dabalaa guddataa akka deemu himama. Haala akkas jiru jalattillee kadhattoonni qaanii tokko malee akka waan namaa ol ta’anitti itti dhagahama. Moor kun godina keessatti qayyabannoo fooyyee argamsiisuuf of qoruu jajjabeessuu danda’a jechuun garagalcha waa’ee hanga yoonaa jiru dhiheessa.

Bara torbaatamoota fi saddeettamoota keessa duwwaa maaliif namni hamma hinqabne goolame, hidhame, mankaraarfame, bitteen isaa bade ykn ajjeefame? Godinichaaf yknsaba kanneen balleessaa sana uumaniif dhimma baase qabaa laata? Kan darbeef itti gaafatama fudhachuu fi egeree suphuun sammuu ofii banaa gochuu fi onnachuu gaafata. Oromoon kan qabsoo eegale mirga isaa badde deebfachuufi. Kana argachuuf hamma kadhaatti deemullee deebiin argate akeekachiisa shororkaa hamaan hordofame qofa. Sana booda qabsoonisaa gara olii, qabsoo hidhannootti guddate. Buubii waldhabdee furuuf karaa misha ta’uullee baatu yeroo dirqisiifamu kara tokkicha jiru ta’a.

Bara 1978 keessa ifatti hojiin sirna bulchaa hammaannaan dardarri Oromoo baroota isaan

Enjoying the preview?
Page 1 of 1