Discover millions of ebooks, audiobooks, and so much more with a free trial

Only $11.99/month after trial. Cancel anytime.

Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa: Barsiisa Kiristoos Isa Gara Jalqabaa
Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa: Barsiisa Kiristoos Isa Gara Jalqabaa
Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa: Barsiisa Kiristoos Isa Gara Jalqabaa
Ebook253 pages2 hours

Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa: Barsiisa Kiristoos Isa Gara Jalqabaa

Rating: 0 out of 5 stars

()

Read preview

About this ebook

Warra akka keenya Waaqayyotti amananii jiraniif amantiin ergamootaa barsiisa hafuuraa guddaa nuuf argamsiisu. Amantiin isaanii ergaa guddaa laphee keenya keessa nuuf kaa’a, sababiinsaa wangeela qajeelummaa Waaqayyoo waan labsuuf. Kanaafuu waan hundumaa dursa amantii akkanaa qabaachuu nu barbaachisa.
Namni Yesuusitti amanu kam iyyuu qajeelummaa Waaqayyoo beekee itti amanee guutummaa addunyaatti labsuu qaba, sababiinsaa wangeelichi guutummaa biyya lafaatti yoo lallabame malee namni karaa ittiin qajeelummaa Isaa beekee amanu waan hin qabneef. Karaa dubbii Waaqayyoo cubbamoonni qajeelummaa Isaa beekuu danda’u. Qajeelummaa Waaqayyoo argachuudhaaf dubbicha amantiidhaan fudhachuu barbaachisa.
Amantii dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’ee qajeelummaa Waaqayyoo nama argamsiisu malee namni kam iyyuu Gooftaa akka Fayyisaatti itti amanuu hin danda’u. Kanaafuu amantii dhugaa isa qajeelummaa Waaqayyoo argamsiisutti amannee amanamoo Luboota Isaa haa taanu. Amanamoo Luboota Isaa jechuun warra qajeelummaa Waaqayyootti amananii dhiifama cubbuu isaanii argatan jechuu dha. Qajeelummaa Waaqayyootti amanuudhaan warra amantii dhugaa qajeelota saba Isaatii ta’an ta’uu dandeenya. Nutis amantii ergamoonni qabaachaa turan qabaachuu dandeenya.

LanguageOromo
PublisherPaul C. Jong
Release dateMar 26, 2024
ISBN9798224548231
Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa: Barsiisa Kiristoos Isa Gara Jalqabaa

Reviews for Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa

Rating: 0 out of 5 stars
0 ratings

0 ratings0 reviews

What did you think?

Tap to rate

Review must be at least 10 words

    Book preview

    Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa - Paul C. Jong

    Qabiyyee Gabatee

    Xiinxala Dhuga Ba’umsa Amantii Ergamootaa

    Ariirrata

    KUTAA 1

    I. Dhugaa Ba’umsa Amantii Waaqayyo Abbatti

    • Waaqayyo Abbaa

    • Maqaa Waaqayyo

    • Dhuga Ba’umsa Ergamootaafi Eebba Amantii Isaa

    • Ergamoonni Eenyufayi?

    • Qulqul’ina Jireenyaafi Hojii Ergamootaa

    • Yihudoonni Waaqayyo Abbaa Uumamaa Akka Ta’e Ni Amanu?

    Nan amana… (Yohaanis 1:12-13)

    KUTAA 2

    II. Dhuga Ba’umsa Amantii Waaqayyo Ilmaatti

    • Yesuus Kiristoos

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 1: Yesuus Kiristoos Eenyuu dha?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 2: Harka Irra Kaa’uu Bara Kakuu Moofaa Fi Cuuphaan Bara Kakuu Haaraa Jechuun Maal Jechuu Dha?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 3: Kiristoos Maaliif Bakka Namoota Baay’ee Du’e?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 4: Du’aa Ka’uu Yesuusitti Jabaannee Amanachuu Qabna

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 5: Ragaa Yesuus Gara Waaqaatti Ol ba’uu Isaa

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 6: Gooftaan Akka Gooftaa Abbaa Firdiitti Dhufa

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 7: Eenyutu Firdii Jala Ooluuf Jedha?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 8: Amantii Isa Kami Dha Inni Waaqayyo Guddaa Ta’uu Isaa Labsu?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 9: Akka Dhuga Baatuutti Kennaa Museen Abboome Maalii Dha?

    • Lallaba Qulqulluu Ilmichaa Irratti 10: Cuuphamuu Yesuusiifi Dhiifama Cubbuu

    KUTAA 3

    III. Dhuga Ba’umsa Amantii Waaqayyo Hafuura Qulqulluutti

    • Sadan Tokkummaa Waaqayyoo

    • Hafuura Qulqulluu

    • Hafuurri Qulqulluun Maal Akka Inni Hojjetu

    • Attamitti Cuuphaa Hafuura Qulqulluu Fudhanna?

    • Hafuurri Qulqulluun Eenyuu Dha?

    • Hojiiwwan Hafuura Qulqulluu Maal fayi?

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 1: Hafuura Qulqulluu Attamitti Fudhanna?

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 2: Yeroo Amantan Hafuura Qulqulluu Fudhattaniittu?

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 3: Madaallii Ergamoota Ta’uuf Barbaachisan

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 4: Hafuurri Qulqulluun Yoom Gad Bu’e?

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 5: Tajaajila Hafuura Qulqulluu

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 6: Kennaa Hafuura Qulqulluus In Fudhattu

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 7: Hafuurri Qulqulluun Ormoota Irra Bu’e

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 8: Hafuurichi Waaqayyo Biraa Ta’eefi Hin Taanee Isaa Qoraa Ilaalaa

    • Lallaba Hafuura Qulqulluu Irratti 9: Jireenya- Hafuuraan Guutame

    • Amantiin Dubbii Waaqayyoo-Gara jireenya Hafuuraan Guutameetti Si Geessa

    • Amantii Tokkicha Qulqullaa’aa Waldaa Kiristaanaa Irratti

    • Amantii Tokkummaa Qulqullootaa Irratti

    • Amantii Dhiifama Cubbuu Keessatti (1 Yoh. 1:9)

    • Amantii Du’aa Ka’uu Foonii

    • Amantii Jireenya Barabaraatti

    Ariirrata

    Hiriyottan koo wajjin ta’ee wangeela bishaaniifi hafuuraa guutummaa biyya lafaatti yoon tamsaasu lubbuun hundinuu durandursanii hundee amantii isaanii akka ittiin sirreeffataniif wangeela kana nama hundumaan ga’uun baayyee ariifachiisaa ta’uu isaa caalchiseen hubachaatti jira. Keessummattuu bakka haaraa waaqolii tolfamoo waaqeffachaa jiran keessatti wangeela bishaaniifi hafuuraa isaan biraan ga’uuf yoo yaallu, namoonni sun waa’ee Waaqayyoo sirriitti akka hin hubanne beekamaa dha. Egaa kanaafan kitaaba kana ammas irra deebi’ee barreesse.

    Dhuga ba’umsi amantii ergamootaa gudunfaa amantii ergamootaati. Ergamoonni sadan Tokkummaan Waaqayyoon (Abbaa, Ilmi, Hafuurri Qulqulluun) waan hundumaa akka uume ni amanu. Isaan akka Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqayyoo gara biyya lafaa dhufee cuuphamuu fi du’a fannoo Isaatiin Ilmaan namaa hundumaa cubbuu isaaniittii fayyisee jiru ni amanu. Akka Inni warra Isatti amanan du’aa kaasee jireenya barabaraa kennee Mootummaa Isaatti isaan galchuu ni amanu.

    Dhuga ba’umsa amantii kanaa waldaa ishee jalqabaafi akkasumas ergamootni irra deebi’anii Ibroota 6:1-2 keessatti mirkaneessanii jiru. Jecha biraatiin, hojii gara du’aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa’ee Waaqayyotti amanuu lallabanii jiru; waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu, waa’een ka’uu warra du’anii, waa’ee firdii bara baraa barsiisa Kiristoos isa gara jalqabaa akka ta’e dubbatanii jiru. Egaan ergamoonni lallaba wangeelaa harka irra kaa’uu sirna aarsaa dhiifama cubbuu jechuunis cuuphamuu Yesuusii wajjin akka walqabsiisaa turan argina.

    Akkasumas Gooftaan odoo ol hin ba’in dura akkana jedhee ergamoota Isaa abboome, Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa (Maatewos 28:19). Kun duuka buutoota warri cuuphamuu Yesuusitti amanan sadan Tokkummaa Waaqayyootiin cuuphuu jechuu dha.

    Kanaafuu, amantiin ergamootaa wangeela bishaaniifi hafuuraa irratti kan hundaa’e ture. Amantiin amantoota bara kanaa garuu amantii ergamoota jalqabaattii adda. Dhugaa isaa yoo ilaalle, ‘cuuphamuun Yesuus’ amantii kiristaanummaa bara keenyaa kana keessatti iddoo hin qabu. Kan baayyee gadhee ta’ee jiru barsiisota ti’ooloojii fi lallaboota bara keenyaa kana keessaa kanneen Waaqummaa Yesuusiin ganan jiraachuu isaa ti. Akka ani kitaaba kana barreessu kan na kakaase sababni lammaffaan immoo isa kana.

    Dhuga ba’umsi amantii ergamootaa Waaqayyotti amanuuf bu’uura jalqbaa ti. Egaa amma qajeelummaa Waaqayyoo hubannee gara amantii dhugaatti deebi’uu qabna. Nuti hundi keenya amantii ergamoota, wangeela bishaaniifi hafuuraatti amannee amantiidhaan warra qajeelummaa argatan taanee jirra.

    Pau C. Jong

    KUTAA 1

    I. DHUGAA BA’UMSA AMANTII WAAQAYYO ABBATTI

    Ani nan amana hundumaa kan danda’u Waaqayyo Abbaatti

    Waaqayyo Abbaa

    Amantii ergamootaa keessatti dhuga ba’umsa sadiitu mul’ata.

    Dhuga ba’umsi jalqabaa isaanii hundumaa kan danda’u Waaqayyo Abbaatti uumaa Waaqaa fi lafaatti amanuu isaaniiti (Um 1:1); inni lammaffaan immoo Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqayyoo cubbuu isaanii dhiifama cubbuu isaaniif kennuu Isaa yoo ta’u dhuga ba’umsi sadaffaan immoo Yesuus Kiristoos Hafuura Qulqulluun ulfeeffamuu Isaa ti. Nutis amantii ergamootni qabaachaa turan fudhachuudhaaf Waaqayyo Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutti amanuu qabna.

    Nuuf Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluunis Waaqayyoo dha. Eenyummaa isaanii ilaalchisee Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluun sadanuu Waaqayyoo tokko dha, amantii nuti sadan tokkummaa irraa qabnus tokko. Fakkeenyaaf, Abbaan Waaqayyo Isa hundumaa danda’uu dha, Ilmis Waaqayyo Isa hundumaa danda’uu dha. Jecha biraatiin sadan tokkummaan Waaqayyoo Hafuurri Qulqulluu wajjin tokko jechuu dha. Kanaafuu Abbaa, Ilmiifi Hafuurri Qulqulluu sadan isaanii raawwatanii Waaqayyo tokko akka ta’an ni amanna jechuu dha. Egaan amantii keenya dubbii dhugaa Waaqayyoo irratti hundeessuudhaaf Dubbii dhugaatti qabamuu nu barbaachisa.

    Ragaa Macaafa Qulqulluu

    1. Kakuu Moofaa irraa

    (1) Kakuun Moofaa Waaqayyo tokko ta’uun isaa ifatti kaa’a. Yaa Israa’el dhaga’i! Waaqayyo Gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha (Keessa Deebii 6:4).

    (2) Akkasums Kakuu Moofaa keessatti Waaqayyoo qaama hedduutiin jiraataa akka ta’e dogongora tokko malee mul’isee jira: Kana booddee Waaqayyo, Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali’an irratti, horii qe’ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan! (Um. 1:26). Kottaa gad buunee, inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyetti, afaan isaanii duraa waliin in maknaa! (Um. 11:7). Kutaalee kana keessatti Waaqayyo qaama tokko qofa osoo hin taane qaama hedduutiin jiraachuu isaa akka mul’isaa ture ifaa dha.

    2. Kakuu Haaraa irraa

    Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluun Waaqayyoo dha. Haa ta’u iyyuu malee qaama addaddaa sadiin jiraata. Dhugaan kun Kakuu Haaraa keessattis ifatti kaa’amee jira.

    (1) Seennaa cuuphamuu Yesuus keessatti Abbaa, Ilmi, Hafuurri Qulqulluun qaama addaddaa sadiin jiraachuun isaa ifatti dubbatame. Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama jedhee waaqa irraa in dubbate (Maatewos 3:16-17).

    Kutaan kun Yohaannisiin cuuphamuun Yesuus yeroo sadan tokkummaa Waaqayyoo mul’ate akka ta’e ibsa. Kutaa kana keessatti Yesuus Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaatu mul’ata, Hafuurri Qulqulluunis Isaa wajjin hojjechuu Isaa, Waaqayyo Abbaan, Kun Ilma koo isa jaallatamaa dha jedhee labsuu Isaa argina. Ibsa kana keessatti Sadan tokkummaa Waaqayyootu mul’ata. Ibsa kana keessatti Yesuus Ilmi Waaqayyoo qajeelummaa Waaqayyoo raawwachuu Isaa argina, sababiinsaa Inni Yohaannis cuuphaan cuuphamee cubbuu ilmaan namootaa waan irraa kaaseef. Fannoo irratti nuuf du’uun isaa sababa cuuphamuu isaatiin cubbuu keenya gara mataa isaatti fudhateef ta’uun isaa qajeelummaa Waaqayyoo yoo ta’u Waaqayyo Abbaan qajeelummaa Isaa karaa Ilma Isaa raawwate jechuu dha, qajeelumaa nuuf raawwatame kana Abbaanis Hafuurri Qulqulluunis beksisaniiru. Kanaafuu Abbaa, Ilmi, Hafuurri Qulqulluun qaama addaddaa sadii ta’uu isaanii karaa biraa immoo Waaqayyo tokko ta’uu isaanii mul’isa.

    (2) Maatewos 28:19 irrattis Yesuus bartoota Isaa maqaa addaddaa sadaniifi tokkummaa sadaniitti; maqaa Abbaa, Ilmaafii Hafuura Qulqulluutti abboomee jira, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa jechuun isaa—qaama addaddaa sadii fi sadanuu immoo tokko ta’uu isaa mul’isa.

    Abbaa, Ilmaafii Hafuura Qulqulluun tokkoon tokkoon isaa qaama of danda’ee jiraatu dha, haa ta’u iyyuu malee Waaummaatti tokkoo dha. Haaluma kanaan yoo Waaqayyotti amannu Waaqa tokkotti sadan tokkummaa Waaqayyo tokkichatti amanna.

    Abbaa, Ilmaafii Hafuura Qulqulluun amantii kiristaanaa keessatti sadan tokkummaa Waaqayyoon waaqolii addaddaa irra adda ta’anii jiraachuu isaanitu dhugaa ba’ama. Amantiin biyya lafaa kanaa tokko tokko Yesuus raajota keessaa akka isa tokkoo ta’’etti amanu, haa ta’u iyyuu malee kun dhugaa miti.

    Waaqayyo jechuun Abbaa, Ilma, fi Hafuura Qulqulluu dha. Dhugaan kun Macaafa Qullqulluu keessatti kallattii hedduutiin yoo ibsame iyyuu, kanneen hin hubatin hedduu dha. Sababiin isaa immoo namootni wangeela bishaaniifi hafuuraa hin hubanne waa’ee Sadan Tokkummaa beekumsaa fi yaada mataa isaaniitiin bira gahuu waan hin dandeenyeefii dha. Haa ta’u iyyuu malee nu warra lammaffaa dhalanneef Waaqayyo Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo tokkichi Waaqayyo keenya Isa nuti amantii keenya irra kaa’annee dha.

    Maqaa Waaqayyo

    Waaqayyo deebisee Museedhaan, Ani ‘Isa jiraataa dha,’ ati immoo saba Israa’eliin, ‘Inni jiraataan isinitti na ergeera’ in jetta" (Ba’uu 3:14).

    Yaahiwwee. Jecha Yaahiwwee jedhu maqaa ittiin Waaqayyo si’a hedduu ofii Isaa dhala namaatti mul’ise yoo ta’u Macaafa Qulqulluu keessatti si’a 5,300 ol tu mul’atee jira. Sabni Yihudootaa maqaa Waaqayyoo qulqul’inatti waan eeganiif maqaa Isaa waamuutti hedduu of eeggatu (Ba’uu 3:14). Maqaa Yaahiwweetiif ulfina guddaa waan qabaniif Adonai jedhani Waaqayyoon yaamuutti ka’ani. Hiikni isaas haalowwaan itti fufanii ibsaman keessatti Gooftaa waan hundumaa jechuu dha: 1) Isa jiraatu; 2) Isa Gooftaa jireenyaa ta’e fi 3) Yeroo hundumaa jiraachaa kan ture, yeroo hundumaas kan jiraatu, barabaraanis kan itti fufee ofii Isaatiin jiraatu jechuu dha.

    Nuti Waaqayyoon akka Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutti itti amannee waammanna. Maqaan Ilma Waaqayyo Abbaa Yesuus Kiristoosii dha. Hiikni maqaa kanaas Isa saba Isaa cubbuu isaaniittii fayyisu jechuu dha.

    Dhuga Ba’umsa Ergamootaafi Eebba Amantii Isaa

    Hawwiin keenya amanitin ergamootaa utuu hin jijjiiramin qulqulluun isaa akka dhalootaaf darbee dha. Kun hawwiifi abdii kiristaana maraa ti. Dhuga ba’umsi amantii isaanii erga isaan du’anii barreeffamee dhalootaaf akka darbetti itti amanama. Haa ta’u iyyuu malee amanitin isaanii inni dhugaan ergaalee isaan barreessanii dha, kanaafii dha kan nuyi amantiifi ergaa isaanii warra kaaniin ga’uufi babal’isuudhaaf wallaansoo kan gochaa jirruuf.

    Egaa dhuga ba’umsi amantii ergamootaa kun maalii dha? Cimsinee yoo dubbannee dhuga ba’umsi ergamootaa kun kan barreeffame erga isaan du’anii booddee dha. Jecha biraatiin amanitin Ergamootaa kun kakuu ergamootaa yoo ta’u erga isaan du’anii booddee dhalootni barreessanii dhalootaaf dabarsanii dha.

    Amantiin ergamootaa amantii hojii Waaqayyo Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu ti. Waaqayyoon akka fayyisaa keenyaatti amannee cuuphaa nuyi fudhannu dhuga ba’umsaa kanatti fufee jiru of keessaa qaba: Cuuphamuun Yesuus cubbuu keenya hundumaa akka nu irraa kaase; fannoo irratti du’uu isaatiin qooda cubbuu keenya firdii akka fudhate; Yesuus Kiristoos fedha Waaqayyo Abbaatiin cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa akka dhufee dha. Namni cuuphamuu fi dhiiga fannoo Yesuusitti amanu cubbuu isaa/ ishee hundattii waan furamuuf/tuuf Waaqayyo biraa Hafuura Qulqulluu ni fudhata/tti.

    Kanaafuu namoota cuuphamuu barbaadaniif gaaffilee armaan gadii nan dhi’eessaaf: Yesuus weyita cuuphame cubbuun kee si irraa ka’ee gara gatittii Isaatti akka darbe ni amanta? Deebiin isaa, Eeyyyee, nan amana cubbuun koofi cubbuun biyya lafaa martinuu Yesuusiin akka irraa fuudhame yoo jedhe gaaffiin biraa itti fufee dhihaatuuf immoo: Yesuus Yohaannisiin cuuphamuu Isaatiin cubbuu kee si irraa kaasee fannoo irratti akka gatii kaffalee ni amanta? isa jedhuu dha Warreen gaaffii kana eeyyee jedhanii maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluuttii ni cuuphamu.

    Amantiin sadan tokkummaa irraa qabaachuu, Nan amana hundumaa kan danda’u Waaqayyo Abbaatti, Uumaa waaqaatiifi lafaa kan jedhu irraa eegala. Ergamootni nama akkana jedhee amantii isaa dhugaa ba’u maqaa Abbaa, Ilmaa, fi Hafuura Qulqulluutti cuuphu turan. Amantiin dhugaa fudhatama qabu amantii wangeela bishaaniifi hafuuraa irratti hundaa’ee dha. Waldaan Waaqayyoos amantii ergamoota kudha lamaanii irratti hundaa’uun ishee kanaafi.

    Jalqabni dhuga ba’umsa amantii ergamootaa bara DKB 313 Labsii Milan mootii Roomaa Constantine mallatteessee irraa eegala. Amantiin Kiristaanummaan seeraan mootummaa Roomaatiin kabajaan erga beekamtii argatee booda biyyicha keessatti namootni hedduun kiristaana ta’uutti baayyee gammadan. Kana booddee kan baraadamu namoota haaraa gara amantii kanaa dhufan attamitti amantii kana akka fudhachiisanii dha.

    Dhuga ba’umsi amantii ergamootaa fedhii kana guutuu irraa eegala, erga ergamootni du’anii boodas uummata keessatti dhimmi kun barbaachisaa ta’e. Kaawunsiliwwan ykn gumiwwan waldaa kiristaana jalqabaatii eegalee yeroo addaddaatti geggeeffamaa turaniin ilaalamaa fooyya’aas ture. Bara kana keessattis dhuga ba’umsi ergamootaa kun wangela bishaaniifi hafuuraa amantii dhugaa kiristaanaatiin hiikamuu kan barbaachisuuf kanaafii dha. Amantii kana guutummaa biyya lafaatti babal’isuudhaaf akka itti Yesuus cubbuu ilmaan namootaa irraa fuudhee jireenya barabaraa inni itti kennu beekuu qabna.

    Haa ta’u iyyuu malee baayyinni amantiin biyya lafaa kanaa kan lakkoobsa hin qabnee dha. Amantiin waaqolii addaddaa kan namootni fedhii isaaniitiin ijaarratan yoo ta’u amantiin kiristaanumma garuu Waaqayyo Inni dhugaan jiraachuu Isaa ofii isaan of mul’isee dha. Waaqa kiristaanaatti amanuudhaaf amantii waaqolii addaddaa irraa qaban ganuu barbaachisa. Yoo kana hin ta’un ta’e ofumaa itti rakkatu. Namni waa’ee Waaqayyoo walii wallaaluun isaa sababa beekumsa waa’ee Uumaafi maqaa Isaa hin beekneefii dha.

    Mootummaa Mongolian keessa waaqni beekamaan namootni itti sagadan Buruhung jedhama. Waaqa isaanii Buruhung kan yoo waaqeffatan iyyuu akka uumaatti itti hin amanan. Waaqni Kiristaanaa Waaqayyo isaanii akka ta’e yoo amanan iyyuu waaqa isaanii kanattis ni amanatu. Kun immoo akka isaan amantii dhugaa hin qabaanne isaan godha. Namni tokko amantii Kiristaanaa akka amantii biyyaa isaaniitti amanatu yoo ta’e, namni sun amantii Kiristaanaa isa dhugaa qabaachuu hin danda’u. Kanaafii dha egaa nuti amantii kiristaanaa sadan tokkummaa Waaqayyoo kan sirriitti dhugaa ba’uu qabnuuf.

    Amantii Waaqayyo amantii Kiristaanaa isa dhugaa biyya lafaa kanatti babal’isuun maaliif rakkoo ulfaataa ta’a? Rakkoon isaa inni guddaan namootni amantii waaqolii isaaniifi Waaqaa kiristaanaa Abbaa. Ilma, Hafuura Qulqulluu sababa addaan baasanii hin hubanneefii dha. Rakkoon kana booddee jiru immoo baroota darban keessatti waldaan kiristaanaa wangeela dhiifama cubbuu wangeela bishaaniifi hafuuraa sirriitti lallabuu dadhabuu isheetiif.

    Kiristaanummaan biyya Mongolia keessatti lallamabe amantii uumatichi duraan qabaachaa turee wajjin walbira qabamee waan lallabameef qocolloo amantii lamaan gidduutti ka’e hambsisuuf jecha lamaan isaa iyyuu dhiisanii barsiisa Buddhist fudhatan waan ta’eef kiristaanummaan biyyicha keessatti dagaaguu hin dandeenye. Araarri Waaqayyo karaa kiristoos biyya lafaatiif kenne Yesuus cuuphamuu Isaatiin cubbuu biyya lafaa hunda irraa fuudhee fannoo

    Enjoying the preview?
    Page 1 of 1