Discover millions of ebooks, audiobooks, and so much more with a free trial

Only $11.99/month after trial. Cancel anytime.

Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?
Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?
Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?
Ebook368 pages4 hours

Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?

Rating: 5 out of 5 stars

5/5

()

Read preview

About this ebook

Ergamaan Maatewos Yesuusiin akka Mootii moototaatti waan argeef, Dubbiin Iyyesuus biyya lafaa kana irratti nama hundumaatti akka dubbatame nutti himaa jira. Amma, kiristaanonni addunyaa guutuutti, wangeela bishaanii fi hafuuraa isa nuti babal’isaa jirrutti amanuudhaan lammata dhalatan, dhuguma buddeena jireenyaa soorachuuf hawwii guddaa qabu. Garuu wangeela dhugaa keessatti walitti dhufeenya qabaachuun isaaniif rakkisaadha, sababiin isaas hundi isaanii nu irraa fagaataniiru. Kanaaf, fedhii hafuuraa namoota Yesus Kiristoos, Mootii moototaa kanaa guutuuf, lallabni kitaaba kana keessatti argamu akka buddeena jireenyaa haaraatti qophaa’ee guddina hafuuraa isaanii sooruuf. Warri Dubbii Yesuus Kiristoos, Mootii moototaa amanuudhaan dhiifama cubbuu isaanii argatan, amantii isaanii ittisuufi jireenya hafuuraa isaanii itti fufsiisuuf jecha isaa isa qulqulluu nyaachuu akka qaban barreessaan kun ni labsa. Kitaabni kun namoota amantiidhaan saba mootii Mootichaa taatan hundaaf buddeena jireenyaa hafuuraa isa dhugaa ni kenna. Waaqayyo karaa Waldaa fi tajaajiltoota isaatiin buddeena jireenyaa kana isiniif dhiyeessuu itti fufa. Warra bishaanii fi hafuuraan lammata dhalattan, warra Yesuus Kiristoosiin walitti dhufeenya hafuuraa dhugaa nu waliin qabaachuu hawwitan hundumaa keessaniif eebbi Waaqayyoo haa ta'u.

LanguageOromo
PublisherPaul C. Jong
Release dateJul 30, 2023
ISBN9788928220977
Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?

Reviews for Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a?

Rating: 5 out of 5 stars
5/5

1 rating0 reviews

What did you think?

Tap to rate

Review must be at least 10 words

    Book preview

    Lallaba Wangeela Maatewos Irratti (I) - Kiristaanni Yoom Gooftaa Wajjin Maree Garaa Guutuu Qabaachuu Danda’a? - Paul C. Jong

    Biyyoota baayyee keessaa namoonni hedduun dhiifama cubbuu isaanii fudhachaatti jiru. Sababa kanaaf akka isaanitti Gooftaa Yesuus Kiristoosii wajjiin deddeebi’aniif barsiisa karaarra isaan buusu kennuu barbaadna. Waldaa keessaa warra dhiifama cubbuu isaanii argatan jireenya attamitti akka jiraachuu isaan barbaachisuuf geggeessaa argachuu qabu. Anis hojjettoota wajjin hojjennu wajjin akka ergamoota Waaqayyootti akka ergamoota wangeelaatti ba’uu nan fedha. Haa ta’u iyyuu malee yoo nuyi waliigallee tamsaasa wangeelaaf baane wangeela qajeelummaa Waaqqayyoo isa qabannee barreessaa jirru kana immoo eenyutu hojjeta? Kanaafuu, Waaqayyo biyyoota hundumaa keessatti tajaajila ergama wangeelaa kana kan kennan akka kaasu kadhannaa fi hawwii koo ti.

    Maxxansi kun kitaaba koo isa tokkoffaa guddina hafuuraa geggeessitoota fayyina argatanii gara fuula duraatti itti fufanii tajaajila kennaniif kan qophaa’ee jiildii tokkoffaa dha. Akkuman Gooftaa tajaajilu sabni Waaqayyoo akka ka’u nan amana. Geggeessitoota gara fuula duraatti ka’aa adeeman eeggachaa lallaba kana waraabbii sagaleetiis qopheesseen jira. Lallabni kun geggeessitoota ka’uuf jiran leenjisuuf kan qophaa’e ergaa lubbuu gabbisu laphee keettii kan siif ergamee dha.

    Lallabni kun nama hundumaafis nyaata hafuuraa akka ta’e nan amana. Amantootaafi hojjettoota Waaqayyoo biyya hundumaa jiranii wajjin fuula fulaan walarguu waan hin dandeenyeef karaa wangeela bishaaniifi hafuuraa hunduma isaanii wajjin akkan hariiroo hafuuraa qabaadhu nan amana. Waaqayyo hojjettoota Isaa waan nu godhateef nyaata hafuuraa waan nuuf kenneef Isa nan galateeffadha.

    Hanga ammaatti afaan Ingiliziitiin kitaabilee 10 maxxansiiseera. Kitaaba kana warreen dubbisan wangeela bishaaniifi hafuuraa hubatanii dhiifama cubbuu isaanii argatan galateeffachuu isaanis hubadheera. Guddina Hafuuraa isaaniif wangeelli bishaaniifi hafuuraa dhugaa isa dhumaa isa jireenya kennu ta’uu isaa irra deebi’ee dhugaa ba’uufiin barbaada. Namoonni biyya lafaa martinus gara hubannoo wangeela bishaaniifi hafuuraatti ni dhufu. Gara dhumaatti Macaafni Qulqulluun guutummaan isaa iyyuu gudunfaa wangeela bishaaniifi hafuuraa isa fayyina barabaraa kennu akka ta’e akka isaan hubatan nan abdadha. Weeyita kanatti amantii miiraafi yaada namaa irratti hundaa’e of keessaa basanii amantii dhugaa wangeela bishaaniifi hafuuraa isa jireenya dhugaa isaaniif kenutti ni deebi’u. Haala kanaan namni lafa irraa hundinuu gara bartoota Gooftaa ta’utti dhufu jechuu dha. Egaa amma lubbuu warra badan oolchuuf meeshaa fayyisuu Waaqayyoo taane wangeela bishaaniifi hafuuraatiin biyya hundumaa keessaa namoota ni oolchina jechuu dha.

    Akkuma biqilaan daraaree ija godhatu humni wangeela bishaaniifi hafuuraas warra itti amanan eebbisuu qofa osoo hin taane akka isaan hojjettoota Waaqayyoo ta’aniif isaan geggeessa. Wangeela kanaan fooniifi hafuuraan ittiin eebbifamu. Saba Waaqayyo ta’anii wangeela bishaanifi hafuuraa kana biyya hundumaatin ga’uudhaan akka isaan cubbuu isaaniittii fayyaniif ni tajaajilu. Akka amantoota wangeela bishaaniifi hafuuraatti Mootummaa Waaqayyoo keessatti ija guutuu ni godhanna. Bara sassaabbii kana keessatti maasii Isaa keessatti ija fayyinaa ni godhanna. Amma egaa dubbii Isaa dhageenyeef Isa ni galteeffanna, Isa ni ulfeessinas.

    Waaqayyo yoo fedha Isaa ta’e, isa kanas kan biraas itti daballee ni hojjenna. Tokkoon tokkoon keenya akka Inni nu eebbisu nan amana. Waaqayyo foonittis hafuurattis eebba irraa hafaa—eebba amantii waaqa irraafi jireenya guutuu lafa irraa—warra wangeela bishaaniifi hafuuraatti amanan hundumaaf haa kennu.

    PAUL C. JONG

    BOQONNAA 1

    Hidda Dhaloota Yesuus

    Kiristoos

    < Maatewos 1:1-6 >

    Toorri hidda dhaloota Yesus Kiristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana. Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche. Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa dhalche; Faares Hesromin dhalche; Hesrom Aaramin dhalche. Aaram Aminaadaabin dhalche; Aminaadaab Nahasoonin dhalche; Nahasoon Salmoonin dhalche. Salmoon Rahaab irraa Boazin dhalche; Boaz Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Iseyin dhalche. Isey Daawit mooticha dhalche; Daawit haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoonin dhalche.

    Hidda dhalchuu Yesuusitti hidhachuudhaaf fayyisuu Isaatti amanuu nu barbaachisa. Jecha biraatin karaan ittiin hidda dhalachuu Yesuusitti hidhatan fayyisuu Isaatti amanuu qofaa ta’uu isaa ti.

    Waaqayyo Abbaan ergamoota waaqa irraa osoo hin taane tokkicha Ilma Isaa gara biyya lafaatti erge. Waaqayyo Abbaan cubbuu keenyattii nu fayyisuuf tokkicha Ilma Isaa erge. Waaqayyo cubbuu warra Tokkicha Ilma Isaafi Fayyisaa keenya ta’etti amanuu altakkaa yeroo hundumaaf akka ta’utti balleessuuf kakuu barabaraa galee jira. Haala kana keessatti Maatewos 1:1 irratti akkana jedha, Toorri hidda dhaloota Yesus Kiristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana jedha. Iddoo kanatti, "Toora hidda dhaloota Yesus Kiristoos" inni jedhu biyya hafuuraa isa warri amantiidhaan Yesuus Kiristoosiin beekanii cubbuu isaaniitti fayyanii dukkana keessaa ba’anii ijoollee Waaqayyoo ta’an agarsiisa.

    Kutaan kun cubbamaan tokko cubbuu isaattii fayyee ijoollee Waaqayyoo ta’uuf waan isa barbaachisu kaa’a. Jecha biraatiin, ijoollee Waaayyoo ta’uudhaaf, amantii isa kan akka amantii Abrahaam qabaachuu akka qabu agarsiisa. Mootummaa Waaqayyootti galuuf amantii attamiitu barbaadamaa? Akkuma Abrahaam dubbii Waaqayyo dubbatu hundumaatti amanuu dha. Amantii Abrahaam isa kamtu Waaqayyoon gammachiise? Abrahaam dubbii Waaqayyo dubbatetti amanee akka yaada namaatti waan hin dandaa’amne abdate. Kakuu Waaqayyo dubbatetti amanee waan yaada namaa gararraa ta’e abdate. Kun amantii isaa guutuu godhe. Haati manaa Abrahaam umuriin ishee sokkee da’uuf takkaa bara hin yaadamne keessa akka Waaqayyo kakuu sanyiin kee akka cirracha galaanaa akka urjii bantii waaqaa ni ta’a jedhee Abrahaamiif galetti mucaa ilmaa deesse. Abrahaam dubbii Waaqayyoo waan dhaga’eef qajeelummaatti lakkaa’ameef. Akka kanatti dha kan Abrahaam Abbaa amantii qajeelaa jedhameef.

    Aniifi ati amantii isa kan akka Abrahaam isa Dubbii Waaqayyoo akka Inni dubbatetti amanee ta’uu qabna. Mootummaa Gooftaa Yesuusitti galuudhaaf amantii Abrahaam qabaate qabaachuu nu barbaachisa. Cubbamaan tokko amantii akkasii yoo qabaate qofa cubbuu isaattii fayyee qajeelaa ta’a. Amantiidhaan Yesuus fayyisaa ta’uu Isaa yoo simanne Mootummaa Waaqayyootti galla.

    Attamitti Yesuus Fayyisaa ta’uu Isaa amannee hidda dhalachuu Yesuus keessaa hirmaanna? Jecha biraatiin attamitti Isa amanuu qabna? isa jedhuu dha Wangeela bishaaniifi hafuuraa akka kennametti amanuu dha.

    Waaqayyo cubbuu biyya lafaattii dhala namaa fayyisuuf Ilma Isaa gara biyya lafaatti erge. Yesuus laga Yurdaanositti Yohaannis cuuphaan cuuphamuu Isaatiin cubbuu ilmaan namaa hunda gara mataa Isaatti fudhatee cubbamoota akka fayyise beekuu qabna. Amantii dhugaan Yesuus cubbuu keenya nu irraa kaasee fannoo irratti dhiiga Isaa nuuf dhangalaasee du’ee akka du’aa ka’e amanuu dha. Yesus garuu deebisee, Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi! jedheen; kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu’uu isaa in arge (Maatewos 3:15-16).

    Kutaan Yesuus cuuphamuu Isaatiin cubbuu biyya lafaa gara ofii Isaatti fudhachuu Isaa dhugoomsa. Waaqayyo Abbaan keenya tokkicha Ilma Isaa gara biyya lafaatti ergee akka Inni Yohaannis cuuphaan cuuphamee cubbuu biyya irraa kaasee Mootummaa Isaa ilmaan namootaa warra Isatti amananiif saaqe agarsiisa. Dubbi Isaa kana laphee keenyaan fudhannee itti amannee Maatii Waaqayyoo taana. Waaqayyo cubbamaa Isatti amanu yoo argu cubbuu isaa waan irraa kaasuuf nama cubbuu hin qabne isa godha. Wangeela bishaaniifi hafuuraa kanaan cubbuu keenyattii qulloofnee Maatii Waaqayyootti dabalamna.

    Cubbamaan tokko mucaa Waaqayyoo ta’uu yoo barbaade Yesuus Kiristoos cubbamoota Isatti amanan akka cubbuu isaaniittii isaan fayyisu amanuu dha. Macaafa Qulqulluu keessatti, Ilma Daawwitti inni jedhu Yesuus akka fooniitti sanyi Yihudaa keessaa ta’uu isaa agarsiisa. Bara Kakuu Moofaa keessatti, Waaqayyo ijoollee Yaaqoob Yihudaa keessaa barabaraan ulfeen biyya bulchu akka hin dhabamne abdachiisee jira (Uumama 49:10). Daawiti qomoo Yihudaa keessaan dhalatee mootii Israa’el ta’e. Yesuus yommuu dhalatee qomoo Yihudaa keessaan dhalate. Nutis Dubbii Waaqayyootti amanuudhaan qomoo ijoollee Waaqayyoo taana. Nuyi qomoo Hafuuraa ijoollee Waaqayyoo dha. Bara kanas Yesuus Kiristoos fayyisaa cubbuu isaa akka ta’e namni amanee fudhatu hidda dhaloota Yesuus keessaa qooda fudhata. Abrahaam Isiyaaqiin dhalache, Isiyaaq Yaaqoobiin dhalche, Yaaqoob immoo Yihudaafi obboloota isaa dhalache jedha. Sabni Dubbii Waaqayyootti amanu hundinuu Ijoollee Waaqayyoo ta’a.

    Namni amantiidhaan hidda dhaloota Yesuus keessaa hirmaattuu ta’u nama araara Waaqayyoo fudhate nama waa’ee mataa isaa hundumaa dhiisee dha. Isaan warra gara cabaafi bullaa’a qaban warra Dubbii Waaqayyootti amananii dha. Isaan akkanaa egaa warra dhugaadhaan maatii Waaqayyoo ta’anii dha.

    Rahaab isheen ejjituu turte akkasumas dubartiin Ruut jedhamtu sanyii Mo’aab keessaa Ormoota keessaa warra amantiidhaan hidda dhaloota Yesuus Kiristoos keessaa hirmaatanii dha. Egaa attamitti dubartiin ejjituun hidda dhaloota Goofta Yesuus keessaa hirmaachuu dandeessi? Cubbamaan tokko Dubbii Waaqayyootti amanuudhaan cubbuu isaattii qullaa’ee ijoollee Waaqayyoo ta’uu akka danda’u Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Amantii jechuun hojii gaarii qabaatanii jiraachuu jechuu osoo hin taane Dubbii Waaqayyoo amanuudhaani. Dubartii ejjituun attamitti fedha Waaqayyoo raawwatti? Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo cubbamoota Isatti amananii fayyuu barbaadan hundumaa simatee qulleessee sanyii ofii Isaatii godhata. Akkana jechuun namni biyya lafaa hundinuu Waaqayyotti yoo amanne ijoollee isaa ni ta’a jechuu dha.

    Macaafni Qulqulluun amantii jechuun Waaqayyoofi Dubbii Isaatti amanuu akka ta’e sirriitti kaa’a. Macaafni Qulqulluun Maatewos 1 irratti waa’ee amantii Taamaar irra deebi’ee ni dubbata. Taamaar eenyuu dha? Isheen haadha manaa mucaa Yihudaa, ishee abbiyyuu ishee wajjin ciiftee dha. Akkuma hamilee attamitti dubartii abbiyyuu ishee wajjin ciifte kun hidda achii as dhuftee dhalachuu Yesuus Kiristoos keessa seenuu dandeessi? Haa ta’u iyyuu malee Taamaar kakuu amantii Dubbii Waaqayyoo abbiyyuu ishee irraa argatteen fudhatama argattee hidda dhalachuu Yesuus keessa seente.

    Akka aadaa saba Israa’elitti yoo Ilmi angafi fuudhee jiru du’e haati manaa isaa quxusuu isaatiif kennamti. Ilmi quxusuun sun ishee wajjin yoo ciisuu dide mucaa ishee irraa godhachuu yoo dide dhimma kana abbiyyuu isheetu itti gaafatama kanaa fudhata jedha. Taamaar ilma Yihudaa isa angafaatti heerumtee turte. Ilmi Yihudaa inni angafaa sun hamaa waan ta’eef Waaqayyo isa rukkunnaan du’e. Kanaaf akka aadaatti quxusuun isaa ishee bira ga’ee mucaa maqaa isa du’een waamamu irra godhata ture. Haa ta’u iyyuu malee quxusuun isaa obboleessa isaatiif sanyi itti fufsiisuufii waan hin barbaadneef yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga’u, sanyii isa mucaa ta’u sana lafatti naqee in balleessa ture. Egaa erga kun ta’uu didee abbiyyuun ishee mucaa isa sadaffaa isheef kennuu qaba ture. Haa ta’u iyyuu malee inni immoo baayyee ijoollee waan ta’eef bara dheeraa turu ishee ta’a. Taamaar mucaa isa sadaffaa eeggatti turte. Haa ta’u iyyuu malee Yihudaan mucaa isa sadaffaa kana immoo seeraan hin laanneef. Kanaafuu isheen fala isaa barbaaddee abbiyyuu ishee kana bira ni geesse.

    Gaaf tokko abbiyyuun ishee hoolota isaa irraa rifeensa murmursiifachuuf Tiimnaatti ol in ba’a jedhanii Taamaaritti in himan. Shelaan fuudha ga’e ture, isheen garuu isatti akka hin heerumsiifamin argitee, uffata dubartii abbaan manaa irraa du’e isa uffachaa turte ofittii baaftee, wayyaa biraa ofitti martee shaashiis haguuggattee, karaa Tiimnaa dhaqu irra balbala kellaa Enaayim dura in teesse. Taamaar fuula isheetti haguuggattee waan teessuuf, Yihudaan ejjituu ishee se’e malee ishee hin hubanne. Isheen haadha manaa ilma isaa ta’uu ishee waan hin beekiniif, gara lafa isheen karaa bukkee teessutti goree, Mee kottu, ani si bira nan ga’aa ishee bira ni ga’e. Isheenis waan ulfoofteef yeroo isaatti ulfi ishee mul’achuutti ka’e. Isheen haadha iyyeessaa waan taateef akka ejjituutti lakkaa’amte. Aadaa Israa’el keessatti ejjituun dhagaadhaan rukutamtee ni ajjeeffamti. Kanaafuu Yihudaan ishee ajjeessee reeffa ishee gubuuf ni yaade. Haala kanaan isheen immoo, Ani abbaa amartii mallattoo maataba isaa wajjin jiru kanaaf, abbaa ulee kanaaf nan ulfaa’e" jettee nama itti ergitee isa hubachiifte. Haala kanaa Yihudaan toora maatii itti fufsiise jechuu dha.

    Kun egaa Waaqayyo warra Kakuu Dubbii Isaatii dhaga’anii itti jiraatan eebbisa jechuu dha. Haaluma kanaan namni hidda dhalachuu Yesuus keessaa hirmaachuu barbaadu kam iyyuu Dubbii Waaqayyoo irraa amantii qabaachuu isa barbaachisa jechuu dha. Akkuba barreeffame Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa dhalche; Faares Hesromin dhalche; Hesrom Aaramin dhalche jedha. Taamaar ijoollee lakkuu isheen deesse Faaresii fi Zaaraa deessee hidda dhalachuu Yesuus keessaa amantiidhaan hirmaata Kakuu keessa seente. Kanaafuu Israa’el keessaa namni kam iyyuu Taamaariin ni balleessite jedhee hin qeeqne. Irra caalaa amantii Taamaar qabdu ni dinqiisiifatani. Haaluma kanaan Waaqayyo warra amantiidhaan Dubbii Isaa fudhatan ni eebbisa. Taamaar kakuu Waaqayyoo amantiidhaan fudhattee hidda dhaloota Yesuus keessa warra jiranitti dabalamte. Nuti Dubbii Waaqayyootti waan amanneef ijoollee Waaqayyoo warra dhugaa dha.

    Hojii gaarii hojjennuun qajeelota ta’uu hin dandeenyu. Cubbamaan kam iyyuu dubbii wangeela bishaaniifi hafuuraa yoo fudhate qajeelummaa isa amantii keessaa argamu fudhatee maatii Waaqayyootti dabalama. Amala qulqulluu qabaachuun akka ijoollee Waaqayyoo ta’uu akka hin dandeenye Macaafni Qulqulluun nu barsiisa. Nuti Dubbii Kakuu Waaqayyootti amanuudhaan ijoollee Waaqayyoo taana. Dubbii Waaqayyootti amanuudhaan ijoollee taanee biyya Gooftaatti seenna. Gooftaa Yesuusitti amanuudhaan nama cubbuu hin qabne qajeelaa akka taanu beeknee amanuu nu barbaachisa.

    Macaafni Qulqulluun namni Dubbii Waaqayyotti amanuudhaan qajeelaa akka ta’u barsiisa. Akkuma Yesuusiin simanneen qajeelaa ta’uudhaaf wangeela bishaaniifi hafuuraatti amanuu nu barbaachisa. Jechi, Qulqullummaa jedhamu amantii biyya lafaa keessatti ni dhagaa’ama. Haa ta’u iyyuu malee namni yaalii hojii isaatiin of qulleessee Mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye Yesuus barsiiseera. Kottaa mee Macaafa Qulqulluu qorree haa ilaallu. Abraahaam nageenya isaaf sodaatee haadha manaa isaatiin obboleettii kooti jedhee ture. Isiyaaqis akkasuma qodhe. Taamaariifi Rahaabis namoota seenaa dhalachuu Yesuus keessaa qooda babaachuu danda’an hin turre. Amantii Kiristaanaa dogongoraa ta’e keessatti qulqullummaan suuta suuta hojii gaariitiin guddata jedhu. Haa ta’u iyyuu malee Taamaar abbiyyuu ishee wajjin saal quunnamti goote, Rahaabis ejjituufi Oromoota keessa turte. Haa ta’u iyyuu malee isaan kun qajeelota ta’anii hidda dhaloota Gooftaa Yesuus keessaa hirmaachuu kan danda’aniif Dubbii kakuu Waaqayyoo garaa isaanii guutuudhaan waan fudhataniif ture. Amantii akkasiitu ijoollee Waaqayyoo nama godha. Dubbii Qajeelummaa Waaqayyootiin wangeela bishaaniifi hafuura hubannee yoo itti amannu fayyina guutuu arganna. Jecha biraatiin hojii gaarii mataa keenyaatiin qulqulluummaa xiqqoo hanga 0.0001% kanaa illee argachuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Akka Dubbii Waaqayyoo isa barreefameetti Yesuus Gooftaan fayyisaa ta’uu Isaa amanuudhaan namoota cubbuu hin qabne taana.

    Yesuus Kiristoosiin Gooftaafi Fayyisaa keenya ta’uu Isaa yoo simannu ijoollee Waaqayyoo taana. Waaqayyo warren Hafuura Qulqulluu of keessaa qaban saba Isaa akka ta’an dubbateera. Inni warra akka keenyaa warra wangeela bishaaniifi hafuuraatti amanan Ijoollee Koo, warra nattii dhalatan akka isaaniin jedhu caaffanni qulqullaa’oon ni dubbatu. Warreen ijoollee Waaqayyoo ta’an namoota biyya lafaa warra dhiifama cubbuu isaanii hin argatin jiranittii adda akka ta’an garaagarummaa guddaa akka qaban Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Warri wangeela bishaaniifi hafuuraa beekanii itti amanan namoota warra dhiifama cubbuu isaanii hin argataniittii adda. Yesuus Isa Fayyisaa ilmaan namaa ta’etti garaa keenya guutuudhaan amanuudhaan dhiifama cubbuu keenya arganne. Yesuus Gooftaa isa gara biyya lafaa dhufee Laga Yurdaanositti Yohaannis cuuphaan cuuphamee cubbuu fannoo irratti dhiiga Isaa nuuf dhangalaasetti amanuudhaan dhiifama cubbuu keenya akka argannee jirru beekuufi amanuu nu barbaachisa. Karaa Ilma Waaqayyoo Gooftaa Yesuus dhugichatti amanuudhaan ijoollee Waaqayyoo taanee jirra.

    Haaleluyaa! Waaqayyo Isa wangeela bishaaniifi Hafuuraa, qajeelummaa Isaa nuuf kenne guddaa ni galateeffanna.

    Gooftaa Keenya Isa Nu

    Fayyisuuf Dhufee Haa

    Galateeffannu

    < Maatewos 1:18-25 >

    Dhalachuun Yesus Kristos akka kanatti fufee jiru ture; Maariyaam haati isaa Yoseefiif kaadhimatamtee turte; isheen Yoseefii wajjin utuu wal bira hin ga’in, hafuura qulqulluudhaan ulfooftee argamte. Yoseef inni ishee kaadhimates nama jireenya qajeelaa jiraatu waan tureef, dhoksaatti ishee dhiisuudhaaf murtoo godhe malee, mmata duratti ishee yeellaasisuu hin barbaanne. Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo, ergamaan gooftaa abjuutti itti mul’atee, Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin! Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ‘Yesus’ jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa jedheen. Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta’e. Innoo, Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jedhanii in moggaasu jedhe; Amaanu’el jechuun Waaqayyo nuu wajjin jira jechuu dha. Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate. Haa ta’u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo Yesus jedhee in moggaase.

    Ayyaana Dhalachuu Gooftaatti nagaa addaa walgaafanna. Halkanni sun halkan nagaafi qulqulluu waggaa haaraa ti. Nagaa guddaatu biyyatti dhagaa’ama. Ifsaa addaddaatiin magaalota babbareechuu irrattis horii guddaatu dhangala’a. Hanqinni horii yoo jiraate iyyuu kiristaanonni kana gochuu hin dhiisani. Kun immoo bara rakkina attamii keessatti iyyuu amantii keenyaaf amanamoo ta’uu keenya cal’aqisiisa. Kottaa mee Kakuu Haaraa wangeela Maatewos keessaa dhimma kana haa ilaallu.

    Lakkoobsi 21 akkana jedha, Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa ‘Yesus’ jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa. Gooftaan keenya Isa kara durba qarree irraa dhalatee gara keenya dhufe dha. Yesuus jechuun Isa saba Isaa cubbuu isaaniittii isaan fayyisu jechuu dha.

    Nagaa ayyaana dhalachuu Gooftaa walgaafachuu keessa warreen Yesuusiin quunnaman gammachuu guddaa argatu. Haa ta’u iyyuu malee hiikaan ayyaanichaas yoo nuu gale malee irra keessa ilaallee gammaduun qofti ga’a miti. Gooftaa wajjin wal hirginu yoo taane Ayyaanicha qofa irra keessaan ho’isuun bu’aa maalii qaba? Gooftaa keessa taane nagaa ayyaana dhalachuu kan walgaafannu yoo taane jaalalli Gooftaa irraa hafaa nuuf ta’a. Dhalachuun Gooftaa Waaqayyo Mootiin Moototaa cubbuu saba Isaatii fayyisuudhaaf Tokkicha Ilma Isaa gara biyya lafaatti erguu Isaa agarsiisa. Isa keessa yoo taanu ayyaanni dhalachuu Gooftaa hiika guddaafi gammachuu guddaa nuuf ta’a.

    Ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Waaqayyoon galateeffachuuf kaa’ame. Guyyaan itti ayyaaneffatamu Macaafa Qulqulluu keessatti hin caqasamne, garuu kurmaanni yeroo isaa beekamaa dha. Namoonni tokko tokko guyyichi guyyaa aduu waaqa tolfamaa ti jedhanii falmu. Haa ta’u iyyuu malee kanaaf jennee Ayyaana Dhalachuu Gooftaa gad buusuu hin qabnu. Guyyaa/halkan sirriin isaa Inni itti Gooftaan dhalate namni barreessee kaa’e hin jiru. Haa ta’u iyyuu malee xiyyeeffannoo guddaan Waaqayyo tokkicha Ilma Isaa gara biyya lafaatti erguu Isaa ayyaaneffachuu dha. Ayyaana dhalachuu Gooftaa yeroo ayyaaneffannu hundumaatti jaalalaafi ayyaana Isaa fayyisuu Isaa ayyaaneffanna. Gochaafi jaalala guddaa Inni ittiin biyya lafaa do’atee cubbuu keenyatti nu fayyisuuf akka dhufe yaadachaa ayyaaneffanna. Ayyaana Dhalachuu Gooftaa sirriitti ayyaaneffachuudhaaf duraan dursa hiika isaa akka ta’utti hubachuu qabna.

    Gaafa tokko waaqeffannaa Dilbataa geggeessaa turre. Yeroon isa sa’a 11:12 a.m. ture. Kaleesumtii isa 11:12 a.m. irratti akkasumas borumtaa isa 11:12 a.m. geggeeffamee ture. Egaa hanga Gooftaan lammaffaa deebi’ee dhufuutti biyyi lafaa sochii irra jira jechuu dha. Hanga Gooftaan balleessutti biyyi lafaa kun scohi irra ta’a. Hiika dhugaa Dhalachuu Gooftaa yoo hubachuu baanne si’a meeqa yoo waaqeffanne iyyuu hiika maalii nuuf kenna? Yoo akkas ta’uu baate Mudde 25 saa 11-12 waaqeffannaa nuyi goonu gatii hin qabu. Dhuma waggaa irra yeroo geenyu amantii garaa keenyaa akka dubbii Waaqayyootti qorree ilaaluu qabna. Jaalalaafi fayyina Gooftaan nuuf kenne amantiidhaan nu keessa jiraachuu isaa ilaalu qabna. Wanti biyya lafaa kanaa wanti amma keessa jiruufi wantoonni dhufuuf jiran martinu yoo Gooftaan keessa hin jiru ta’e hiika tokko iyyuu hin qabu.

    Nagaan ayyaana Kirismaasii Gooftaa keessatti yoo ta’e hiika guddaa nuuf qaba. Sababa Inni cubbuu keenya nu irraa kaaseef fayyine. Utuu Inni gara keenya dhufee nu hin fayyifne ta’e silaa baduun keenya beekamaa dha, haa ta’u iyyuu malee Yesuus saba isaa cubbuu isaaniitti fayyisuuf Maariyaam durbaa irraa dhalatee nama ta’e gara biyya lafaa dhufe. Kanaafuu ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Kirismaasiin ayyaana guddaa dha.

    Kanaafuu Gooftaan waaqaafi lafa waan hundumaa uumee jiraachisu inni jalqabaafi xumura waan hundmaa ta’e utuu jiru fooniin dhalachuun isaa kun waan addaa nuuf hojjetu qaba. Kanaafuu, jaalala Isaa dhufaa karaa wangeela bishaaniifi Hafuuraa ilaaluu nu barbaachisa. Biyyi lafaa kun sababa Waaayyo uumeef jiraata. Waaqayyo waaqaa fi lafaa isa uume kanaa nan balleessa akkuma jedhee yeroo isaatti ni balleessa. Biyyi lafaa gara dhumaatti akka deemaa jirtu dammaqnee hubachuu qabna, Hohoo kun hojii Gooftaa ti! ti jennee amantiidhaan eeggachuu qabna, akkum waaqayyo kutaa waggaa jechuunis ganna, bir’aa, bonaafi arfaasaa jijjiiru guutummaa biyya lafaas ni jijjiira.

    Inni uuma Isaa nutti agarsiiseera, akkuma kanaa immoo Umna Isa jabaadhaan akka balleessuuf jirus dursee nutti himee jira. Namni yeroo ija foon isaatiin argu malee salphaatti hin amanu. Haa ta’u iyyuu malee namni amanu Gooftaa keessa ta’e waan hundumaa arga. Kurmaan waggaa arfanii Gooftaa keessatti yoo ilaallu wantoota Inni duraan dursee nuuf kaa’ee jiru argina. Waaqayyo keessatti jireenya keenya yoo ilaallu jireenyi keenya nuu ifa. Waggaa namni lafa irratti 70 ykn 80 innumti iyyuu baayyee rakkisaa dha. Gadadoodhaan gara biyya dhufnee isumaan biyya lafaa kana irraa obbaaffanna. Gooftaan gidiraa biyya lafaa keessaa nu baasuuf foon uffatee gara biyya lafaa dhufee Yohaannis cuuphaan cuuphamee cubbuu keenya hunda nu irraa kaasee qooda keenya fannoo irratti nuuf du’e. Kiristoos keessatti wangela bishaaniifi hafuuraatiin fayyina argannee badiisa barabaraa oollee jira. Kanaafuu waan hundmaa amantiidhaan Kiristoos keessa taanee yoo ilaalle nuu gala.

    Namoonni tokko tokko Maariyaam durba taatee mucaa da’uu ishee akka shakkan ni dubbatu. Paasteroonni tokko tokkos Yesuus Maariyaam irraa dhalachuu Isaa ni shakku. Fakkaatanii ayyaanaa dhalachuu isaa nama ta’uu Isaa ayyaaneffatu malee akka Inni dinqiidhaan Hafuura Qulqulluun ulfaa’ee Maariyaam dura irraa dhalate garaa isaanii guutuu kan hin amanne jiru. Jarreen akkanaa kun warra joonja’anii dha. Amantii hin qabnu yoo taane hojii Gooftaa keessaa tokko iyyuu fudhachuu hin dandeenyu. Kutaan kun Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan ulfaa’ee akka dhalate dubbata, utuma inni hin dhalatins maqaan Isaa Yesuus jedhame akka mooggaffamu dubbate. Kun hundinuu wanti dubbatame akka raawwatamuuf ta’e.

    Dhalachuu Kiristoos dura waggaa 700 keessa Isaayaas raajichi waa’ee dhalachuu Yesuus akka kanatti raaje, Yommus Isaayaas, kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jettee in moggaafti; [‘Amaanu’el’ jechuunis ‘Waaqayyo nuu wajjin jira’ jechuu dha (Isaayaas 7:14). Kun ergaa raajii Waaqayyo ilmaan namootaa cubbuu isaaniittii fayyisuudhaaf nama ta’ee gara biyya lafaa dhufee dha. Kun hojii Waaqayyo karaa Ilma Isaa dhala namaa cubbuu biyya lafaattii isaan fayyisuuf hojjetuu dha. Waaqayyo akka nama uume akka cubbuu isaaniittii isaan fayyisus amanuu nu barbaachisa.

    Akka yaada namaatti Waaqayyoon amanuun hin dandaa’amu. Sababa kanaaf namoonni hedduun Waaqayyo nama uumuu qofatti osoo hin taane dhiphachuu isaattis ni gammada waan ta’eef akka isaan muka isa iji isaa gaariifi hamaa beeksiu nyaatan godhe jedhu. Sababa kanaaf namoonni: Waaqayyo nama uumuu Isaatti gammadee jira. Akkasuma Waaqayyo dhiphina namaa ijaan arguutti waan gammaduuf muka isa iji isaa hamaafi gaarii beeksisu akka nyaataniif Isaan dhiise jedhu. Haa ta’u iyyuu malee Kiristaanonni hedduun pilaanetoonni hundinuu toora isaaniif qophaa’e irra akkuma naanna’an Lafti immoo dhala namaaf gaarii akka taatuuf tuuta urjii immoo akka lafti halkaniif guyyaa jireenya dhala namootaaf miidhagaa ta’u godha, halkaniifi guyyaan haalli qulleensaa akka namaaf ta’u gochuun wantoota dinqisiisa saayinsiin bira hin ga’in hedduun mul’achuun isaa akka Waaqayyoo uumama gaarii godhee uume agariisa jedhu.

    Gooftaan gara biyya lafaa yoo dhufe Hafuura Qulqulluun ulfeeffamee dhalatee Amaanue’el jedhame Kakuu abdachiifamee ture bakkaan ga’e. Waaqayyo utuu biyyi lafaa hin uumamni dura iyyuu karaa fayyinaa qopheesse. Inni nu eebbisuuf karaa durbee Maaariyaam qofa gara biyya lafaa dhufe, galatni Isaaf haa ta’u.

    Yesuus irra amantaa keenya yoo kaa’annu shakkii hin qabaannu. Waan shakkanitti amanuun hin dandaa’amu. Sababa cubbuu keenyaaf waan amanamuu qabu yoo shakkinu amantiin keenya hir’uu ta’a waan ta’eef waan gaarii Waaqayyoo nuuf qopheesse arguu hin dandeenyu. Haa ta’u iyyuu malee Waaqayyo irraa amantii yoo qabaannu Hafuurri Qulqulluun ija keenya nuuf bane fayyina cubbuu Gooftaan Yesuus nuuf kenne arguu dandeenya. Nuti warra qajeelummaa Waaqayyootti amannee Yesuus Kiristoos Isa cubbuu keenya nu irraa kaasetti amanuudhaan fayyina argannee warra cubbuu hin qabne akka taane ni beekna. Haa ta’u iyyuu malee warreen qajeelummaa Waaqayyoo amananii hin fudhanne nagaa ayyaana dhalachuu Gooftaa isa dhugaa qabaachuu hin danda’an.

    Yesuus nama fakkaatee warra Isatti amananii wajjin jira. Inni Hafuura Qulqulluun ulfeffamee mucaa namaa ta’ee dhalate. Inni waggaa 30ffaa Isaatti Yohaannis cuuphaan cuupagmee cubbuu biyya lafaa hunda irraa kaasee fannoo irratti du’uudhaan gatii kaffalee du’aa ka’ee yeroo hundumaa ilmaan namootaa wajjin jira. Inni Waaqayyo keenya isa cubbuu keenyattii nu fayyisuuf jedhee nama ta’ee Hafuura Qulqulluun ulfeeffamee mucaa ta’ee dhalatee guddatee cuuphamee fannoo irratti gatii keenya kaffale du’aa ka’ee laphee warra Isatti amananii cubbuu isaaniittii hiikamanii keessa jiraata. Hafuurri Qulqulluun Inni laphee warra qajeelummaa Waaqayyootti amananii keessa buufatu fayyinaafi eebba Isaa nuuf kenna, kanaafuu kottaa Yesuus Fayyisaa barabaraa ta’uu Isaa haa amannu.

    Mudde 25ffaan yeroo dhalachuu Gooftaa keenyaa Yesuus Gooftaa ayyaaaneffachuudhaan Waaqayyoof galata galchinuu dha. Yeroo kana akka galateeffannu Waaqayyo Isa nu gargaare guddaa galateeffanna. Mudde 25ffaa utuu ayyaannii dhalachuu Gooftaa keenya hin jiru ta’e, sila biyyi lafaa kun dukkana keessatti hafti turte. Biyyi lafaas Yesuusiin dhabdee abdii kutannaa keessa galti turte. Wanti namatti tolu tokko iyyuu hin jiru. Sanyiin namaa Fayyisaa isaa irraa abdii dhaga’e qaba, Inni fayyisaa cubbamootaa, Fayyisa Isa badiisa biyya lafaatti dhufuuf jiru jalaa nama oolchuu dha. Jireenyi inni darbe gadadamaa attamii yoo ta’e iyyuu karaa Gooftaa abdiin jireenyaa jiru guddaa dha.

    Utuu Yesuus gara biyya lafaa kanaa hin dhufne ta’e

    Enjoying the preview?
    Page 1 of 1